header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Jilli Garee Dipilomaasii Hawaasa Suudaan Ityoophiya daaw’ataa jira

Jilli garee dipilomaasii hawaasa Sudaan daawa’annaa guyyaa sadi’itiif Ityoophiyaa seene kun miseensota 50 kan qabu yoo tahu, hoggantuu mana maree dhimmoota hawaasummaa mootummaa Sudaan Miss Salwaa Muhaammad Mahjiibiia. Kaayyoon daaw’anna jila kanaa ammoo hariiroo ummata biyoota lamaanii cimsuu irratti kan xiyyeeffatu tahuu ibsame.

Haaluma kanaan Jilli dipilomaasii hawaasa Suudaan kun Afayaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Obbo Taaggasa Caafoo dabalatee qondaaltota mootummaa biroo waliin, dhimmoota hariiroo ummata biyyoota lamaanii cimsuu danda’an irratti kan mari’atan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Afayaa’iin Mana Maree obbo Taaggasaan jila hawaasa Suudaan kana baga nagaayaan dhuftan jechuun eega simatee booda, hariiroon obbolummaa ummata Sudaan fi Ityoophiyaa yeroo nagayaas ta’ee yeroo rakkinaa kan adda hin cinne ta’uu ibsuun daaw’annaa kanaaf jilicha galateeffatee jira.

Hoggantuun jila dipilomaasii Hawaasa Suudaan Miss Salwaa Mahaammad Maahjiib gama isiitiin, rakkoon Suudaan keessatti uumamee ture karaa nagayaatiin akka furamuuf carraaqqii mummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad fi mootummaan isaa godhe galateeffattee jirti.

Jilli kunguyyoota itti aananitti Prezdaantii Ityoophiyaa dabalatee qondaaltota ol’aanoo kanneen biroo waliinis kan maria’atu tahuu ibsi waajjira haajaa alaa irraa bahe ni addeessa.

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button