header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

UNICEF lolli Yaman magaalaa Hudeeydaa keessatti hammaataa dhufe yaaddessaa tahuu beeksise

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ejeensiin gargaarsa daa’immanii UNICEF ibsa baaseen, naannawa magaalaa Hudeeydaa keessatti waraana mootummaa Yaman kan Sa’uudii fi Emreetiin deeggaramuu fi finciltoota huusii jiddutti lolli hamaan kan geggeefamaa jiru tahuu ibse. Ejensichi akka jedhutti, lolli hamaan kun naannwa Hospitaala al-Sowraa jedhamutti kan geggeefamaa jiru yoo tahu, daa’imman 56 dabalatee namoonni hospitaalicha keessatti ciisanii yaalaamaa jiran balaa hamaa keessa jiraachuu beeksise.

 

Lola guddaa magaalaa buufata Doonii qabdu tana too’achuudhaaf geggeefamaa jiru kanaan, daandiiwwan gara magaalattii seensisan hundi kan cufaman yoo tahuu, haaluma walfakkaatuun daandiin gara Hospitaala kanaa geessus cufamuu gabaasni arganne ni mul’isa. Magaalaan Hudeeydaa too’annaa finciltoota Huusii jalatti argamti.

 

Bara 2014 loltoonni Huusii mootummaa biyyattii fonqolchuun magaalaa Sana’aa dabalatee nannoolee heddu eega too’atanii booda, gamtaan waraana Arabaa ammoo mootummaa Yaman deeggaruun bara 2015 keessaa finciltoota irratti haleellaa jalqabuun isaa ni yaadatama. Lola Yaman kanaan yoo xiqqate lammiileen nagahaa 10,000 ol akka ajjeefamanii fi ummatni miiliyoona heddutti lakkaahamu ammoo qe’ee isaa irraa kan buqqifame tahuu ragaaleen ni mul’isu. Dabalataanis lammiileen biyyattii miiliyoona 14 ol beelaaf kan saaxilaman tahuu gabaasni UNICEF ni addeessa.

Lola Yaman11

 

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button