header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa gara magaalaa Istee imaluun iddoo masjiidonni irra gubaman daaw’ate

Naannoo Amaaraa godina Kibba Gondaritti torbee tokko keessatti masjiidoonni sadi hordoftoota amantaa biroo jibbiinsa Islaamummaa leellisaniin gubamuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Guyyaa hardhaa ammoo jilli koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa gara magaalaa Isteetti imaluun iddoo masjiidonni irraa gubaman  kan daaw’atan tahuu gabaafame.

 

Kaayyoon imala koree kun immoo iddoo masjiidni irraa gubametti argamuun hawaasa naannichaa waliin mari’atuu fi qaamota yakka kana raawwatan seeratti akka dhiyaatan mootummaa gaafachuu, akkasumas masjiidota gubaman deebisanii ijaaruuf haala mijeessuu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Jilli kun walitti qaba koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa 17nii fi itti aanaa walitti qabaa koree jijjiirama dhaabbilee hawaasa muslimaa Ustaaz Abubakar Ahmad, dubbii himaa koree furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Ustaaz Injinar Badruu Huseen fi Haaj Sulxaan Muhammad Amaan kan of keessatti hammate tahuu beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button