Og-BarruuSeenaa

Kallattii Islaamni Itoophiyaa keessa babal’ateefi Mootummaan Islaamaa Hundeeffame

©Ustaaz Gaalii Abbaaboor

Kutaa 1ffaa

Akka Seenessitoonniifi Qo`attoonni walii galanitti Islaamni baha Afrikaa hundaafi Habashaa keessa karaa nageenyaatiin seenuudhaan baballateera. Haalli inni itti baballate karaa goodaansaatiin yookiin immoo karaa hariiroo daldalaatiini. Yookiin haalli mijaahaa ta`e yoo jiraateef naannoo adda addaatti da`awaa walii galaa gochuudhaani.
Karaa sadan Islaamummaan ittiin baballate keessaa: godaansa, daldalaafi da`awaa (waamicha gara Islaamaatti godhame) haa ilaallu.

Godaansa

Innis godaansa Sohaabotaafi godaansa Sohaabotaan boodaa jedhamee lamatti qoodama.
a/ Godaansa Sahaabotaa
Bakka kannatti wanti nuti jalqaba ilaallu taatee seenaa kitaabolee seenaa keessatti dubbatamaa dhufeefi “Godaansa gara Habashaa” jedhamuun beekamu sana ta`a. Innis godaansa Sohaaboonni Ergamaa Rabbii (saw) ji`a rajabaa keessa, Ergamaan Rabbii (saw) ergamanii waggaa shanaffaa irratti godaananiidha. Godaansa isaanii kana irratti Najaashiin (As-hamaan) kolugala isaaniif kennuudhaan rakkoo Qurayshotaa irraa akka eegaman godhe.

Muslimoota akka godaananu wanti isaan dirqamsiise akka waamichi Islaamaa ka`umsa isaa irratti hin dhaabbanneef qaama isaan maxxanfatee amantaa isaaniifi lubbuu isaanii tiksu barbaacha. Godaansa isaaniif eeyyamuudhaan kaayyoo olaanaa Ergamaa Rabbiitti (saw) mullate akka galma gahuufi. Innis bu’aa da’awaa yeroo ta`u kan armaan gadiiti:
– Waamicha gara Islaamaatti godhamu biyya hundaan gahuu
– Amantaa isaaniitiif jecha firoottan isaaniifi biyya isaanii dhiisanii deemuun akka Qurayshonni garaa laafan taasisanii dhiibbaa itti uumuudha.
– Karaa Rabbiin nama mirgi isaa dhiibamee amantaa isaa ifa baasuu dadhabeef karaa godhe sana mul`isuufi.

Maaliif biyya biraa dhiisanii Habashaa filatan yoo jedhame, mootiin haqaa waan achi jiruufi galaanni gidduu isaaniifi gidduu diinota isaanii waan gargar baasuufi. Qabanii isaan deebisuunis laafaa waan hin taaneefi. Ergamaan Rabbii (saw) yeroo isaaniif eeyyamanu “waan isin keessa jirtanu kana ilaalchisee hanga Rabbiin furmaata tokko isinii fidutti gara ardii Habashaa utuu deemtanii achi mootii isa biratti namtokkollee hin miidhamnetu jira; isiinis lafa dhugaati” jechuun yaada kana akeekaniiru. Kun immoo yeroo sana Habashaan biyya nagaa tasgabbooftuu ta`uu isii argisiisa.

Sahaaboonni biyya Arabaa tokkottillee hin godaanne sababni isaas amantaa Qurayshotaa dhakaafi muka gabbaruurra waan jiranuuf waamicha gara Islaamummaatti godhamu hin qeeballe waan ta’eef. Kana immoo bakka walitti qabama hajjii irratti ifa baasaa turan.
Gara warreen kitaabaa kan amantaa Yahudaafi kiristaanaa hordofaa turanii godaanuuf gara isaaniitti tasgabbaa’uun hin danda’amne. Sababni isaas gareen lachaanu gidduu isaaniitti walfalmii guddaatu jira waan tureef garee sadaffaa keessumaayyuu Araboota warra akka wallaalaatti lakkaahanu simachuuf gonkuma qophii hin turre. Yaman immoo yeroo sana Majuusiyyoota warra Faarisiin gita bittaa jala turte. Hiyaraafi Shaam immoo fagoo ta`uu isaanii waliin Qurayshotaa waliin daldalaan hariiroo cimaafi walitti dhiheenya guddaa qabu turan.

Kanaafuu gara Mooticha Kiristaanaa Rabbiifi waan Iisaan fidee dhufetti amane sanatti godaanuu irraa filannoo hin qabanu ture. Innis Kiristaanota warra amantaa Iisaa irratti gadi dhaabbatan irraa yeroo ta`u, warra Rabbiin akkana jechuudhaan isaan ibseedha:
وَلَتَجِدَنَّ أَقْرَبَهُمْ مَوَدَّةً لِلَّذِينَ آمَنُوا الَّذِينَ قَالُوا إِنَّا نَصَارَى ذَلِكَ بِأَنَّ مِنْهُمْ قِسِّيسِينَ وَرُهْبَانًا وَأَنَّهُمْ لَا يَسْتَكْبِرُونَ [المائدة : 82] “Dhugumatti, namoota jaalalaan isaan amananitti irra dhihoo ta’an warra “nuti kiristaanota” jedhan ta’aniitiin agarta. Kun waan isaan irraa qeesonniifi monokseewwan jiraniifi isaanis hin boonneefi.”

Egaa akkuma ta`ee argame gara kanatti godaanuun salphaafi nagaa ture. Kun hundumtuu beeksisa Rabbiin Ergamaa isaa Muhammadin (saw) beeksiiseedha.
Godaansi kun bu`aa guddaa argamsiiseera. Yeroo sana naannoo Makkaatti oduu guddaa ta`ee ture.

Lakkoofsi godaantota duraanii dhiira 11fi dubara 4 turan. Isaan keessaa Usmaan bin Affaaniifi haati manaa isaa Ruqiyyaan intalli Ergamaa Rabbii (saw) keessatti argamu. Ergamaan Rabbii (saw) jara lachan ilaalchisee akkana jedhaniiru: “Isaan (Usmaaniifi Ruqiyyaan) booda Ibraahiimiifi Luuxii maatii karaa Rabbii keessatti jalqaba godaananiidha.” Godaansi warra kanaa akka Qurayshoonni isaanirratti hin barreef dukkana halkaniitiin ture. Gara galaanaa deemanii buufata doonii Shu’aybaatti qajeelan. Rabbiin doonii daldalaa lama isaaniif mijeessee ittiin gara Habashaatti deeman. Qurayshoonnis godaanuu isaanii baranii duukaa bu`an; garuu yeroo isaan galaana bira gahanu godaantonni nagaadhaan galaanarra ce’anii Najaashii bira gahaniiru dhaga’an. Ollaa gaarii biras quphataniiru.
Godaansa jalqabaafi lammaffaa warreen godaanan keessaa: Usmaan bin Affaan, haadha manaa isaa Ruqiyyaa Intala Ergamaa Rabbii (saw), Zubayr bin Al-Awwaam, Mus`aab bin Umayr, Abdurrahmaan bin Awuf, Abuu Ubaydaa Aamir bin Al Jarraah, Abuu Salamaafi haadha manaa isaa Ummu Salamah, Zaynab Binti Abi Salamah achitti deesse; Ja`afar Bin Abi Xaalibiifi haadha manaa isaa Asmaa Binti Umays achitti Abdallaa Bin Ja`afar deesse; Abu Muusaa Al Ash`ariyyii, Abdallaa bin Mas`uud, Obboleessa isaa Utbaa Bin Mas`uud, Abdallaa Bin Huzaafah Assahmiyyi, Amri Bin Sa`iid Bin Al Aas Haadha manaa isaa Faaximah Binti Safwaan, Obboleessa isaa Ubaydillaah Bin Jahsh Haadha manaa isaa Ummu Habiibaa Binti Abii Sufyaan waliin, Miqdaad Bin Al Aswad, Maxlab Bin Azhariifi haadha manaa isaa Ramlaa achitti Abdallaah Bin Maxlab deesse; Haaris Bin Khaalidiifi haadha manaa isaa isiinis achitti Muusaa bin Haaris deesse.
Sana booda muslimoonni godaansa lammaffaa irratti daa`imman isaanii kan fudhatanii bahaniifii warra achitti dhalatan utuu hin dabalatin lakkoofsi isaanii 83 hanga gahutti godaanan. Ammaar bin Yaasiris isaanii waliin jira jedhama.

Godaansi kun utuma godaansa Madiinatti godhameen faanni isaa dhokateellee bara lola khaybar H. 7ffaa irratti erga Sahaaboonni deebi`anii kaasee burqaan Islaamaa Habashaa keessatti itti fufuu irraa hin dhaabbanne. Sababni isaas Sahaaboonni naannoo waggoota 15 ta`u achi keessa turanii Islaama baballisuu irratti gahee tokko utuu hin qabaatiin ni bahu jedhamee hin yaadamu. Utumallee Phaaphaasonniifi warri aangoo irra jiranu kiristaanota warra Najaashii (As-hamaa) dhaan waldhabaniifi amantaa kana qeebaluu isaanii warra hin mullisin ta`aniiyyuu, Islaamni Habashaa keessatti baballachuuf sababni isaa godaansa Sahaabotaa ta`uun isaa shakkii hin qabu. Abbootiin tafsiiraa akka dubbatanitti keessummooleen Najaashii biraa gara Ergamaa Rabbiitti haasaa isaanii dhaggeeffachuufi sifata isaanii ilaaluuf ergaman yeroo Ergamaa Rabbii arganii Qur`aana isaan irratti qara`anu, boo’anii of gadiqabanii islaama’an. Ergasii Najaashiitti deebi`anii waan argan itti himan. Lakkoofsa isaanii ilaalchisee waldhabbiin jira. Gariin 12 jedhu. Keessaa 7 luboota (qeesota) yemmuu ta`anu 5 immoo monoksota jedhu. Faallaa kanaa luboonni shan yeroo ta`anu monoksoonni torba kan jedhanis ni jiru. Shantama kan jedhanis jiru. Jahaatamii wahi kan jedhanis ni jiru. Torbaatamas jedhameera. Keeyyanni Qur`aanaa kun isaan ilaalchisee bu`e:
Dhugumatti namoota diinummaan warra amananiif akkaan cimaa ta’an yahuudotaafi mushrikoota ta’uu argita. Dhugumatti, namoota jaalalaan isaan amananitti irra dhihoo ta’an warra “nuti kiristaanota” jedhan ta’aniitiin agarta. Kun waan isaan irraa qeesonniifi monokseewwan jiraniifi isaanis hin boonneefi. (Almaa’idaa: 82)

Akkuma kana keeyyanni kunis isaan ilaalchisee bu`e:
“Warri isa (Qur’aana) dura kitaaba isaaniif kennine, isaan isatti ni amanu. Yeroo inni isaan irratti qara’amus “Isatti amanne; dhugumatti, inni haqa Rabbii keenya irraa ta’ee dha. Nuti isa duras Muslimtoota turre” jedhan. Isaan sun waan obsanii, hamtuus toltuudhaan deebisanii, waan Nuti isaaniif kennine irraas kennataniif jecha mindaa isaanii yeroo lama kennamu. Yeroo dhara dhaga’anis, irraa garagalaniiti “nuuf dalagaa keenyatu jira; isiniifis dalagaa keessantu jira. Nageenyi isin irra haa jiraatu. Nuti wallaaltota hin barbaannu” jedhan. ” (Alqasas: 51-55).
Ibn Is-haaq ni jedhe: “keeyyata kana ilaalchisee eenyuun ilaalchisee buute? jedhee Zuhriyyii gaafannaan Beektota keenya irraa keeyyattoonni kun Najaashiifi namoota isaa ilaalchisee buute kan jedhun dhagahaa ture” jedhe.
Sahaaboonni gara Habashaatti dhufuudhaan walqabatee bara khaliifota qajeeloofi bara Umayyootaa qoodni Habashaan qabdu sochii Islaamni baballachuu keessatti akkuma biyyoota Afrikaa kaaniiti. Islaamni bifa nagaa ta`een keessatti babal`ate. Loltoonni Islaamaa itti hin duulle. Sababaa mootoliin Habashaa booda Najaashii As-hamaatii gara Kiristaanummaatti jijjiiramuutiin ture. Kunis ilaalchi mootummaan Habashaa Mootummaa Islaamaa Hijaazitti argamuuf qabu jijjiiramuu isaa argisiisa. Taateewwan kana irratti akeekanu keessaa:
Humni Habashaa irraa ta`e tokko daldaaltoota Muslimaa haleeluuf yaalii gochuu isaati. Kunis Hijraa 20tti ture. Achiin Khaliifaa Umar bin Al Kaxxaab loltuu Alqamah bin Majzar Al Madlajiidhaan ogganamu gara sanatti erge. Loltoonni ergamnis diinaan wal hin qunnamne ture. Ergasii Khalifichi yaada isaanii jijjiiranii galaana irratti namtokko daldaalaaf akka hin bobbaafne ofii isaaniitiif waadaa of irratti seenan.
Hijraa 83tti bara kaliifummaa Abdul Malik bin Marwaan yeroo lammataatiif humni Habashaa irraa ta`e Jiddaah weeraruuf yaalii godhee ture. Kanarraa kan ka`e Khalifichi haala cimaadhaan isaan rukutee duuba deebisuutti dirqisiifame. Yaanni naannolee adoola galaana diimaa keessa jiru kan ‘walitti qaba adoola Dahlaak’ jedhamtu hunda qabachuu murteesse. Isiinis adoola baay’ee irraa walitti qabamte: Dahlaak, Harraat, Kubaaraa, Darikaa, Noorah, Naqraahfi Kamraan. Isiin dhumaa kun hunda isaanii irra guddoodha. Garuu osoo kun hin raawwatin humni Habashaa seeraan alaa bara 153 ALH jiddaa weerare. Ogga sana Khaliifaan Abuu Ja’afar Almansuur garee isaanii bittinneessuuf loltoota erguutti dirqisiifame.
Dahlaak namoota mootii irratti fincila kaasantu geeffamee achitti hidhamaatu dubbatama. Naannottiin Araboota biratti biyya busaafi biyya akkaan gubdu ta`uudhaan beekamti. Bulchaan isii kan kallattii Umawiyyootaatiin shuumame Maalik bin Shaddaad jedhama. Abul Fat-hi Al Iskindiriyyi kana ilaalanii akkana jedhaniiru:
“Biyyoota jiranu keessaa Dahlaakin kan fokkisiise namni achi jiraate hundi kan dhumu ta`uudha.
Kanaaf immoo ibidda ta`uu isiitiif dura bu`aan isii Maalik ta`uun gama ragaatiin siif gahaadha.”
Qo’atoonni tokko tokko akka dubbatanutti Dahlaakiin qubachuun isaanii yaalii dhumaa biyyootiin Islaamaa Habashaa seenuuf godhaniidha. Sana booda isii lakkisanii bahaniiru; garuu warruma biyyaa keessaa hawaasa Muslimaa baay’ee achitti dhiisanii deeman.
Islaamniifi muslimoonni naannoo kana irraa gara giddu gala biyyaatti baballachuu waan akeeku keessaa tokko bara 147ALH Habashaa keessa khawaarijaan wahii Abuu Ja`afar Al-Mansuur irratti fincila kaasee achiin Khaliifichi finciiltoota kanaan loluuf waraana baay’ee itti erge. Lolichi mataa isaa muranii mataa gargaartota isaatii waliin gara isaatti fiduudhaan raawwatame. Aangoon mootummaa Abbaasiyyootaa Habashaa keessa waggaa jahaa ol hin turre. Ragaan isaas ummanni Habashaa irraa ta’an wahii 153 ALH Jiddaan weeraranii turan. Khaliifaan Abuu Ja’afar Almansuur loltoota tokkummaa isaanii diiguufi weerara kana irraa isaan daangessu itti erge. Sana booda walitti bu’iinsi Habashaa ni dhaabbatte. Garuu Islaamni kallattii warra alaa dhufan kan sababa godaansaa dabalaa turaniitiin karaa nagaatiin babal’achuu itti fufe. Akkasumas kallattii daldaltootaatiinis ni babal’ate. Kun fuulduratti ni dubbatama.
Bara 964 ALH/1557 ALA Mootummaan Usmaaniyyootaa qarqara galaana kaaba Habashaa Masuu’i irraa kaasee hanga Sawaakin kan jiru irra qubattee mootummaa Hijaaz jala seensifte.
Bara 997ALH /1589ALA lolli jidduu Habashootaafi mootummaa Usmaaniyyootaatti geggeeffame. Milkuun lolicha irratti kan Habashootaa ture. Achumaan Usmaaniyyoonni abdii kutatanii Masuu’iifi Sawaakin qofaan of gahanii isiis bulchaa gosaa ‘Baliin’ jedhamutti akka inni gibira waggaa Turkootaaf kafaluuf kennan. Akkuma kana buufanni doonii Zayla’i mootummaa Usmaaniyyootaa jala seentee turte.
Kun yaalii Usmaaniyyoonni seensa galaana diimaa irratti aangoo isaanii babal’isuudhaaf godhaniidha. Garuu Muslimoonni jalqabaa barbaachisaa ta’uufi dhiheenya qabaachuu isii waliin Habashaatti hin xiyyeeffanne. Sababni isaas:
Yeroo dhihoo keessa Najaashii waliin hariioroo gaarii waan qabaniif. Inni yeroo rakkoo Muslimoota mudate keessatti haala gaariidhaan isaanii waliin jiraate.
Muslimoonni Misraafi biyyoota naannoo jiddu gala galaana adii jiranuu Habashaafi naannoo galaana diimaa irra barbaachisummaa isaa yaaduudha. Biyyoonni Afrikaa kan biraas akkuma kana.
Biyyi isii rakkisaa ta’uu, uumamaan gaarreeniifi laggeen baay’een isii tiksu jiraachuufi jidduu Habashaafi Aljaziiraa Arabaa bahriin jiraachuudha. Akkuma tare kanatu khaliifaa Umar nama tokkollee Bahra yaabuutti hin ramaduu waadaa seenuutti kakaase. Barreessitoonni baay’een Habashaan kolonii dhihaa jalaa bilisa ta’uufi Xaaliyaaniinis waggaa shanii ol turuu dadhabuu isiitiif sababa Ji’ograafii kanatti deebisu.
Muslimoonni rakkoo diina isaanii Ruumiifi Furs kan isaan eeggatu cabsuu irratti xiyyeeffachuu isaaniiti.
Kanarratti dabalata immoo hadiisni Ergamaa Rabbii (saw) kan “Habashoota waan isaan isin dhiisaniin isaan dhiisaa; dubbiin, kuusaa albuuda Ka’abaa nama hojjaa qaqalloo dheeraa Habashaa irraa ta’e malee hin baasu” jedhan.

Itti fufa

 

Show More

...

Back to top button