header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Karaa Rabbii Irratti Jihaada Godhuu Feetaa?

Rabbiin rahmata isaatiin karaa ajrii ittiin argachuu dandeenyu heddu nuuf godhee jira. Nutis haga humna keenyaatiin karaa san fayyadamnee, jannata barbaadnu san bira gahuun barbaachisaadha.
Abu Hureeyraan (RA) akkana jedhee gabaase. Ergamaan Rabbii (SAW) “Namni dubartoota abbaan warra jalaa du’ee fi harka qalleeyyii ta’an qarqaaruuf tattaaffate, akka warra karaa Rabbii irratti Jihaada godhaniiti, akkasumas akka warra guyyaa soomanaa, halkan ammoo salaataan dabarsaniiti”jedhan.

Sadarkaa namni Mujaahidaa, namni halkan salaataan dabarsuu, fi warra soomanuu hagam akka ta’e hundi keenya ni beekna. Sababa garagaraatiin wantoota kanniin sadan irratti qaamaan hirmaachuun nutti ulfaatus, karaan irratti hirmaachuu dandeenyuun ni jira. Dubartii abbaan warraa jalaa du’e, akkasumas warra harka qalleeyyii rakkatanii jiraniif niyyadhuu, maallaquma wahii kenniif. Wagga waggaan ykn ammoo ji’aan waa niyyadhuu, nama akkanaa yoo argite gargaari. In shaa Allaah, ajrii warra jihaada godhee, guyyaa soomanaa, halkan ammoo salaataan dabarsanii ni argatta.

Yaa Rabbi humna rakkataa muslimaa ittiin gargaarru nuuf kenni.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button