header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalota Oromiyaa heddu keessatti umanni qondaaltota ODP balaaleffatuun  mormii geggeesse

Qondaaltonni ODP dhiheenya kana muudaman marii Wallaggaa fi Ambo keessatti geggeessan irratti, yakka dur ummata Oromoo irratti raawwatame haaluu fi xiqqeessuun dubbachuun isaanii ummata biratti dallansuu cimaa kaasee jira. Keessumattuu Itti gaafatamaan waajjira ODP Obbo Addisuu Araggaa “kitaabni Harka Muraa Aanolee fi Calii Calanqoo irratti barraaye, seenaa sobaa ummata Amaaraa fi Oromoo addaan fageessuuf itti yaadame barreeffame”yaada jedhu dubbachuun isaa guutuu Oromiyaatti dallansuu cimaa kaasee jira.

 

Haaluma kanaan guyyaa hardhaa magaalota Oromiyaa kanneen akka Shaashamannee, Asallaa, Ciroo,Itayyaa fi Roobee Baalee keessatti mormiin cimaan geggeeffamee jira. Dabalataanis mormitoonni adeemsi muudamaa qondaaltota naannoo Oromiyaa dhiheenya kanaa iftoomina kan hin qabne jechuun qeeqan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button