header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni magaalaa Finfinnee, walgahiin Hoteela Hayikaanitti geggeeffame kan seeraa alaa tahuu beksise

Hoggantoonni Mana Marii Dhimmoota Islaamaa waliigalaa magaalaa Finfinnee jijjiirama argame hordofuun, haarayatti aangoo qabatan Gurraandhala 9,2012 caasaalee mootummaa sadarkaa Federaalaa fi sadarkaa gadii jiraniif Xalayaa barreessan irratti, Majlisni Federaalaa hojiin akka hin hojjetamne guufachiisaa jiraatuu fi hoggantoonni Majlisa kutaalee magaalichaa duraanii Chaappaa Majlisichaa fi qabeenya hawaasa Muslimaa deebisuu diduun karaa seeraa alaatiin itti fayyadamaa jiraatuu ibsuun, Gochi seeraa alaa kun akka dhaabatuus gaafatan.

Kana malees Majlisni haarayatti hundeeffame kun walgahii kanaan dura qondaaltota nageenya magaalaa Finfinnee waliin geggeesse ture irratti hoggantoonni Majlisa duraanii qaamolee mootummaa waliin tahuun hawaasa Muslimaa hidhaa fi dararaa waan turaniif xalayaa hojii irraa geggeeffamuu isaanii ibsu keennuu fi Hoggantooni kunneen walgahii tokkollee maqaa mana marichaatiin geggeessuu akka hin dandeenyees beksise ture.

Haa ta’u malee hoggantoonni Majlisa duraanii kutaalee magaalaa 10 irraa walitti dhufan kunneen guyyaa har’aa walgahii geggeessuun Majlisa seeraan hundeeffame diiguuf kan mari’atan tahuun dhagahame.

Manni marichaa barreyfama guyyaa har’aa Facebook isaa irratti maxxanseen, walgahiin guyyaa har’aa maqaa Mana Mariichaatiin Hoteela Hayikaanitti geggeeffamaa jiru, kan hoggantoota Majlisa seeraan alaa duraaniin yaamamee fi beekkamtii isaa ala tahuus ibse.

Akkasuma hoggantoonni kunneen Muddee 23,2012 irraa kaase aangoo irraa kaafamanii turan. Walgahiin isaan godhanii fi hojiin qaamoleen kunneen Chaappaa Majlisoota kutaalee magaalaa fayyadamuun hojjatan kamiyyuu seeraa ala tahuu qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatuuf beysisuu ifoomsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button