header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Waldaaleen hawaasa Muslimaa biyya keenyaa Ameerikaa Keessa jiran lama dhimma Majliisaa ilaalchisee Imbaasii Ityoophiyaatiif  xalayaa barreessan

Waldaan Badr Ityoophiyaa Washington DC’tti argamuu  fi  Jaarmayni Muslimoota Ityoophiyaa Daarul Iimaan kan magaalaa Las Vegasitti argamu, Mana Marii Dhimmoota Islaamaa ilaalchisee Ameerikatti Ambaasaddara Ityoophiyaa  Obbo Fitsum Araggaatiif xalayaa kan barreessaan tahuu gabaafame.

 

Jaarmayni Badr Ityoophiyaa xalayaa  Ambaasaddarichaa barreesse irratti, Jijjiirama yeroo ammaa biyyattii keessatti dhufaa jiru kan dinqisiifatu tahus, haata’u malee gaaffiin ummanni muslimaa majliisni hoggantoota ofii filateen akka buluuf yeroo dheeraaf gaafataa ture,  hanga ammaatti deebisaa dhabuun jaarmayichaa fi hawaasa muslimaatis kan mufachiise tahuu ibse. Dabalataanis Badr Ityoophiyaan xalayaa isaa irratti,  hoggantoonni majliisaa amma taayitaa irra jiran warra qaamota mootummaatiin aangoon kennameef tahanii osoo jiran, mootummaan amma jijjiirama guddaa tahe hogganaa jiru dhimma kana sirreessuuf fedhii dhabuun hawaasa muslimaa kan dallansiise tahuu ibsuun,  ammas tanaan mootummaan gaaffii ummata muslimaatiif xiyyeeffannaa kennuun deebisaa hatattamaa akka keennu gaafate.

 

Haaluma walfakkaatuun Jaarmayni Daarul Iimaanis, gaaffiin mirgaa hawaasni muslimaa kaasaa jiru deebisaa sirrii akka argatu deeggaruun, jijjiirama argame kana deeggaruu waan ta’eef, mootummaan wanta isarraa eeggamu akka raawwatu gaafate.

 

Koreen Jijjiirama dhaabbilee hawaasa muslimaa baatii 10 dura muummicha ministeeraatiin akka dhimma hawaasa muslimaa irratti hojjatu hundeeffame  dirqama itti kenname kan xumure tahus, hoggantoonni majliisaa  gareewwan jijjiirama hin barbaanne waliin tahuun, bu’aan qorannoo koree kanaa hujii irra akka hin oolle gufuu tahaa jiraatu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button