header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

WHO’n Weerara Covid-19 yeroo dhihotti too’achuun kan hin danda’amne tahuu beeksise

Daayirektarri WHO Dr.Tedroos Adhanom ibsa wixata hardhaa kenneen, Weerarri Covid-19 biyyoota kanaan dura to’achuu labsan keessatti haala hamaa taheen deebi’ee akka babal’ataa jiru ibsuun, dhibee kana yeroo dhihotti to’achuun akka hin danda’amne beeksise.
Dr. Tedroos ibsa isaa kanaan, dhaabbileen qorannoo lakkoofsaan heddu tahan talaallii vaayirasii koroonaa hojjachuuf waldorgommii cimaa keessa akka jiraaniifi, dawaan talaallii Covid-19 hedduun yaalii marsaa sadaffaa irra akka gahes hime. Haata’u malee “haala qabatamaa amma jiruun, dawaan guutumaan guututti furmaata ni taha jedhamee yaadamu akka hin jirres cimsinee hubachiifna”jedhe.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsa isaa kanaan, weerara vaayirasichaa to’achuuf ammas furmaanni jiru, akkuma kanaan dura of eeggannoolee bu’uura cimsanii hojii irra oolchuu fi to’annoo tamsa’ina vaayirasichaa jabeessuu qofa tahuu akeekkachiise. Kunis qorannoo heddummeessuu, nama qabame adda baasanii waldhaanuu fi namoota tuttuqqii isaan waliin qaban faana dhahuun barbaachisaa tahuu ibsame.
Kana malees WHO’n, mootummoonni fi hawaasni addunyaa Maskii uffachuun, naannawa ummanni itti baay’atu irraa fagaachuu fi qulqullina eeggachuun weerara vaayirasichaa too’achuuf murteessaa tahuu hubatanii hojii irra akka oolchan hubachiise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button