header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Maree Federeeshinii Obbo Adan Farah Afa-Yaa’ii godhuun muude

Afa-yaa’iin Mana Maree Federeeshiin tan duraanii Aadde Keeyriyaa Ibraahiim guyyaa lama dura “mootummaa abbaa irree kan heera biyyattii cabsaa jiru waliin hojjachuuf fedhii hin qabu”jechuun angoo gadi lakkisuun isii ni beekama.
Kanuma hordofuun Manni Marichaa Wal gahii Idilee Arba’aa har’aa geggeesseen Obbo Adan Farah Afa-Yaa’ii mana marichaa; Aadde Itsagennat Mangistuu ammoo Itti aantuu Afa-yaa’ii godhuun kan muude tahuu beeksise.
Obbo Adan Farah kanaan dura Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa, akkasumas mootummaa Nannoo Somaalee keessa sadarkaa gara garaa irratti, nama yeroo dheeraaf hojjataa ture tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button