header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dargaggoo Mujiib Amiinoo Mana Murtii dhiyaate.

Dargaggoo Mujiib Amiinoo muslimoota galmee Khadiir Eliyaas jalatti himataman irratti ragaa dharaa akka bahu gaafatamee diduu isaatiin, mana hidhaa Ma’akelaawiitti dararaan hamaan eega irratti raawwatamee booda galmee lamaan himatamee, adabbiin hidhaa waggaa 1f ji’a 6 irratti murteeffamuun ni yaadatama.

Dargaggoo Mujiib Amiinoo adabbii isarratti murteefame mormuun ol iyyannoo mana murtii Federaalaatti kan dhiheeffate yoo tahu, guyyaa hardhaa Abbaa Alangaa waliin falmii godhe. Manni murtiitis falmii isaan lamaan jiddutti godhame eega dhageeffatee booda murtii dhumaa dabarsuuf Amajjii 15/2010niif kan beellame tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Obboleeyyan muslimaa dhiheenya kana hidhaa irraa hiikaman dabalatee, hawaasni muslimaa lakkoofsaan hedduu tahe mana murtii Federaalaatti argamuun dhaddacha kan hordofe tahuunis beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button