header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Waraanni Israa’eel Masiid al-Aqsaa keessatti raawwateen Falasxiinonni 200 ol madaahuu gabaafame

Waraanni Israa’el guyyaa kaleessaa lammiilee Falasxiin Masjiid al-Aqsaa keessatti salaataa turan irratti, gaazaa imaammaanii fi rasaasa plaastikaatiin haleellaa raawwateen, yoo xiqqaate namoonni 205 madaahuu qondaaltonni Fayyaa Falasxiin beeksisan. Israa’el magaalaa Al Qudsi keessatti naannawa Sheikh Jarraah jedhamu irraa Falasxiinota humnaan buqqisuudhaaf sochii kan jalqabde yoo tahu, lammiileen Falasxiin gocha hamaa Israa’eelii kana hadheeffatanii mormaa jiran.

Haaluma kanaan yaalii Israa’el akka muslimoonni naannawa masjiidal aqsaatti hin salaatneef godhaa turte fashaleessuun Jum’aa kaleessaa ummanni kuma 100 lakkaahamu salaata jum’aa fi Taraawiih masjiidichatti kan salaate tahuunis beekamee jira.

Tarkaanfii humnaa Israa’el fudhatte kana UN dabalatee dhaabbileen idil addunyaa fi biyyoonni heddu balaaleffataa jiran.

Haata’umalee Waraanni Israa’el fi qubattoonni Yahuudotaa hanga galgala kanaatti Falasxiinota irratti jeequmsa kaasuudhaaf kan yaalan tahus, ummanni kumaatamaan lakkaahamu Masjiid al Aqsaa fi naannawa isaatti salaataa taraawiihaa kan salaataa jiru tahuus odeeyfannoon ni mullisa.

Falasxiin Sheikh Jarrah

10 Comments

  1. yarabii ummaata eslamati motin alama simale wanjiru yarabii umata filisxini bira duaai hagonu hudi eslama baka jirun

  2. mee naaf ibsaa wanni naa galuu dide palestine 🇵🇸 hoo mootummaa hin qabdumoo akkami sila

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button