Masjiid Al-Aqsaa kutaa 5ffaa

Qophii: Abu Ibtisaam

Muslimoonni tokkoomanii kaayyoo tokkoon eega sochii eegalanii booda, jidduu irratti rakkinni jabaan tokko mudate. Rakkinni kunis ummata Muslimaa diiguudhaaf karaa saaqee ture. Hoogganaa ummata Muslimaa kan ture, Nuuraddiin Mahmud Zankii bara 1174tti addunyaa tanarraa du’aan boqote. Nuuraddiin osoo hin du’in dura,  Aangoo ilma isaa kan xiqqaa, kan waa’ee siyaasaa takkallee hin beekne, Assaalih Ismaa’ilitti dabarse. Mootonni Zankii kan Moosuul, Halabii fi Dimashq jiran, aangoo irratti wal dhabuu jalqaban. Oduun tun Salaahuddiin bira geenyaan salaahuddiin heddu rifate. Maatiin Zaankiidhaa aangoo irratti wal lolaa jiraachuu isaanii dhageenyaan daran dallane. Kaayyoo Nuuraddiin Al Aqsaa bilisa baasuuf qabatee ka’e irraanfatanii, fedhinnaa dhuunfaa isaaniitiif akkana ta’uun isaanii heddu isa aarse. San daran ammoo, Mootonni Zankii warra Masqalaa waliin tokkummaa uumuuf yaaduun isaanii Salaahuddiin Murtee xumuraa akka murteessu isa dirqamsiise. Misra irratti obboleessa isaa muudee ofii isaatii ammoo waraana qabatee gara Shaam imale. Kaayyoon isaatis, Mootota Zankii hunda ajaja ofii jala galchuu ture. Akkuma yaadetti Magaalaa Dimashq too’annaa ofii jala oolfatuu danda’e.

Tokkummaa Muslimootaa fi Rakkoo Waraana Masqalaa

Jiddumaan gara waraana Masqalaa deebinee waan isaan biratti mudates haa ilaallu. Waraanni Masqalaatis rakkina jabaa tokkotu isa mudate. Akkuma Muslimootaa, Hoogganaa Al Quds kan ture, Almaarikis ni du’e. Aangoonillee ilma isa isa xiqqatti dabarfame. Daa’imni kunis muuxannoo siyaasaa qabaachuu dhabuu isaatiin cinatti, dhukkuma gogaa addeessu,  waashii ykn qurcummaa ykn lamtsiin qabamee jira. Warri Masqalaatis Akkuma warra Zankii san aangoodhaaf wal dhabutti jiru. Xumura irratti, hoogganaa Xaraanbulus kan ture, Raaymand sadaffaan gorsaa mucaa xiqqaa kanaa ta’uudhaan filatame. Dalagaa hundas isumatu dalaga.

 

Jeequmsi siyaasaa yeroo haala kanaan babal’ate kanatti, hoogganaan waraana Masqalaa Raymandii fi Salahuddiinis walii galtee waraana dhaabuudhaa mallatteesan. Kunis faaydaa mataa isaa qaba. Salaahuddiin yeroon waraana Masqalaa irratti duulan amma akka hin taane hubatee jira. Ummata Muslimaa jiddutti qoqqoodamiinsi lammata uumamee jira. Kanaafuu ummata muslima jiddutti tokkummaa fiduudhaaf walii galtee mallatteesuun barbaachisaa ta’ee argame. Haala kanaan Salaahuddiinii fi Raymand sadaffaan waliigaltee waraana dhaabuu waggaa 10f ji’a 10f guyyaa 10f turu mallatteessan. Yeroo sanitti waliigaltee haala kanaan malatteessuun baramaadha.

Walii galtee kana hordofuudhaan, Salaahuddiin Al Ayyuubii mana isaa qulqulleeffatuu jalqabe. Dhukkuba tokkummaa muslimotaa diigaa jiru dhabamsiisuu itti fufe. Dalagaan tun garuu salphaa hin turre. Salaahuddiin hoggantoota muslimaa magaalota  adda addaatti aangoo qabatanii, fedhinnaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuu kaayyeeffatan waliin waggaa lamaa oliif waraana godhe. Ilmaanii fi obboleewwan Nuuraddiin Mahmuudis gara Magaalaa Halab imalanii mootummaa isaanii achitti hundeessanii jiran. Duraan aangoof wal lolaa turan. Amma garuu tokkoomanii Salaahuddiin irratti duuluuf murteessan. Waraana Muslimaatti makamanii hooggansa Salaahuddiin jala akka seenan gaafatamanis fudhatuu didan. Xumura irratti Salaahuddiin waraana isaanirratti banuuf gara magaalaa Halab imale. Achittis Kaambii hundeeffatee magaalattii marse. Warri halab ammoo hulaa magaalaa itti cufatan.

Akkuma dura godhamaa ture, gareewwan mallaqa fudhataa nama ajjeessan kan Hashaashuun jedhaman waamanii, Salahaddiin akka ajjeefamu ajaja dabarsan. Kaayyoon warra kanaa Mallaqa qofa waan ta’eef, waan ajjeesaa jedhaman numa ajjeesan. Haaluma kanaan bara 1175tti halkaniin kaampii Salahaddiin qubate dhokatanii seenuun isa ajjeesuudhaaf yaalii godhanii turan. Garuu hin milkoofne. Dubbiin ammas daran Salaahaddiinitti jajjabaatuu itti fufte. Waggoota itti aanan hedduuf ammas muslimotaa tokkoomsuu irratti xiyyeeffate. Booda irratti Warri Zankiidhaa bara 1183tti harka kennatan. Magaalaan Halabis harka Salaahuddiin Al Ayyuubii seente. Kana hordofuudhaan mootummaan muslimaa jabaan tokko bu’uureeffame. Mootonni Zankii, mootota Ayyuubiitiin bakka buufaman. Amma ummanni Muslimaa bulchiinsa tokko jalatti walitti qabamee jira. Salaahuddiin Al Ayyubii, Iraaq irraa kaasee lafa haga Misra jiru bulchutti jira. Yeroon waraana Masqalaa irratti waraana itti labsuu danda’anis dhihaatee jira. Yeroo kanatti jechi Jihaada jedhu ummata Muslimaa jiddutti bal’inaan haasawamuu jalqabe. Daa’iileen magaalaa Dimashq, Kaayroo, Halab, moosulii fi bakka hunda jiran ummata jihaadatti kakaasuun, magaalaa Al Quds harka waraana Masqalaatii akka baasan barsiisuu jalqaban.

 

Yeroo waraanni Muslimaa haala kanaan tokkummaa uumee, jihaada Jabaaf qophaayaa jiru kanatti, Mootiin  waraana Masqalaa garuu, loltootaa fi bulchitoota isaa too’achuu dadhabe. Bulchitoonni bakka garagraatti argaman, humna waraana dhuunfaa isaanii jabeeffachuudhaan tokkummaa waraana masaqalaa diiguu jalqaban. Isaan keessaa namichi Reynold jedhamu, Magaalaa Kerakjedhamtu bulchaa ture. Magaalaan tun ammoo karaa muslimoonni Hajjii ittiin godhan irratti argamti. Namichi kun ammoo carraa kana fayyadamuudhaan islaamummaa irratti waraana banuuf murteesse. Walumaa galatti gara Makkaa deemee, ka’baa diiguu fi Madiinaa keessaa ammoo Qabrii Rasuulaa ﷺ barbadeessuu kaayyeffatee Waraana isaa bobbaase. Garuu bakka yaadan osoo hin gahin, karaa irratti, loltoota biyya Masriitiin qabaman. Yeroo sanitti Masriin kan bulchaa ture Aadil Al Ayyuubii, obboleessa Salaahaddiiniiti. Salaahaddiin loltoonni kunniin hundi isaaniituu akka ajjeefaman murtii dabarse. If duratti waraanni diinaa, Magaalaa Makkaa fi Madiinaa tuquu mitii, akka waa’ee magaalattii kanniinii hin yaadne, baruumsa argachuu waan qabaniif murteen kun akka irratti fudhatamu godhe. Kanaanis, Salaahaddiin hawaasa muslimaa biraa jaalalaa fi fudhatama guddaa argate. Muslimoonni baay’inaan gara waraana isaa seenuu jalqaban. Isaaf amanamuu jalqaban.

Kun osoo kanaan jiru, Mootiin waraana Masqalaa dhukkuba gogaatiin qabamee rakkataa ture, du’ee addunyaa tanarraa godaane. Aangoonis gara obboleettii isaa dabarfame. Isiin ammoo nama  Gaay jedhamutti heerumtee, jaarsi isii mootii waraana masqalaa ta’e. haa ta’u malee tokkummaan waraana Masqalaa daran faffaca’aa deeme. Namichi Ka’baa diiguudhaaf amma dura waraana erge kan Raynaald jedhamu, ammas shira biraa xaxuu jalqabe. Muslimoota daldalaaf meeshaa fe’atanii imalarra jiran irratti waraana banee nama heddu ajjeesee namoota heddus qabeenya isaanii wajji booji’e.  sababaa kanaan walii galteen Salahaddiin Al Ayyuubiifi waraana masqalaa jidduutti mallatteefammee ture ni diigame.

 

Yeroo kanatti Salaahaddiin obsa fixate, Namicha Raynaald jedhamu kana ajjeesuuf murteesse. Salaahaddiin waraana Muslimaa hunda tokkoomsee harkatti galfatee jira. Waraanni Masqalaa ammoo waliigaltee mallatteeffamee jiru diigee jira. Kanaafuu yeroon waraana guddicha labsu amma ta’uu isaa murteessee, Haala kanaan duula umrii isaa guutuu hawwaa ture waraana masqalaa irratti labsuuf lafaa ka’e.  Muslimoonni hundi jihaadaaf akka qophaayan, meeshaan waraanaatis baay’inaan akka qopheeffamuu fi walitti qabamu ajaja dabarse. Salaahaddiinii fi Hooggantoonni waraana isaatis, karoora waraanaa baasuu jalqaban.

Waraanni walitti qabame kunis, Magaalaa Dimashq irraa ka’uun bara 1187 laga Urduun qaxxaamuree gara dachii Falasxiin imale. Waraanni Masqalaatis waraana seenaa isaanii keessatti lakkoofsaan guddaa ta’e qabatee, bakka Assafuuriyaa jedhamtu qubate. Bakki isaan qubatan kun bakka akkaan barbaachisaa ture. Kana booda deemsa isaanii kan itti aanu irratti mari’achuudhaaf walitti qabaman. Gara waraana Muslimaa deemnee waraana irratti banna moo? Asuma teenyee eegna waan jedhu irratti wal morman. Waraanni Masqalaa tokkummaa hin qabu. Hunduu yaaduma mataa isaa qabatee ceha. Mootiinis humna jabaa hin qabu.

Dirree waraana muslimotaa keessa garuu tokkummatu jira. Hoogganaan nama tokko qofa. Salaahaddiin Al Ayyuubiiti. salaahaddiin qubsuma isaa jabeeffatee, waraana isaa humna jabaan jaaree, waraana masqalaa ifirratti eeguu eegale. Warri Masqalaa yeroo dheeraaf eega wal mormaniin booda, gara salaahaddiin imaluun achumatti isa dhabamsiisuu murteessan. Garuu murtiin isaanii dogoggora ture. Kilomeetira 20 miila isaaniitiin aduu akkaan nama gubdu keessa imaluun dirqama itti taate. Hedduun isaanii dheebuurraan kan ka’e karatti kufanii du’an.

Waraanni Masqalaa, kaampii isaa gad dhiisee dhufaa jiraachuusaa dhageenyaan Salaahuddiin ni gammade. Injifannoo argachuu isaatis osoo bira hin gahin dubbate. Waraanni Masqalaatis, jarjaree, kiyyoo Salaahuddiin isaaniif  qopheesse keessa seene. Waraanni waan laaftuu miti. Muslimoonniifi waraanni masqalaa seeyfiin walitti seenan.

 

 

Comments
Loading...