header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Masjiid Al Aqsaan Iidaa booda kan banamu tahuu ibsame

Manni Marii Dhimmoota Waqf Islaama magaala Alqudsi ibsa baaseen, Masjiid al Aqsaan hiikkaa somanaa booda, torbee dhuftu keessa salaataaf akka banamu mutaahee jira jedhe. Masjiidichi ji’a lama dura weerara vaayirasii koroonaa magaalaa Al Qudsi keessatti babal’atee ture hordofuun cufame.

Buulchiinsi Falasxiin weerara vaayirasii koroonaa to’achuuf tarkaanfii cimaa fudhateen, Israa’el dabalatee biyyoota naannichaa hunda caalaa kan milkaahe yoo tahu, guutuu Falasxiin keessatti hanga guyyaa har’aattii namoota 391 vaayirasichi irratti argame jidduu, namoonni 346 fayyanii jiru. Hanga ammaatti namoonni lama qofa sababa vaayirsichaatiin du’uu gabaafame.

Gamaa Israa’eliin ammoo namoota 16,650 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 277 du’uu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button