header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hooggantoonni Majliisa Naannoo Hararii aangoo wal harkaa fuudhan

Muummichi ministeeraa hooggantoota majliisa Federaalaa, koree furmaata barbaaddu hawaasa muslimaa fi garee walaba tahe irraa koree dhimma hawaasa muslimaa qoratee furmaata kaahu hundeessuun isaa ni yaadatama. Kanuma hordofuun  hoogganaa majliisa naannoo Hararii kan ture Muhammad Saabit “nuti Wahaabiyoota waliin tokko hin taanu”jechuun jeequmsa kaasuuf socho’aa kan ture yoo tahu, hawaasni muslimaa naannichaa torbee dabre marii geggeesseen Muhammad Saabit aangoo irraa buusuun hooggantoota haarawa kaadhimatee ture.

 

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa Ulamaa’onni,manguddoon, imaamonni  naannoo Hararii kora galma Amiir Abdullaahi keessatti geggeessaniin, Sheikh Ariif Prezdaantii dhimma Islaamaa Naannoo Hararii, Imaama masjiida Jum’aa kan tahan Sheikh Muktaar Mubarak itti aanaa prezdaantii, Haaj Tofiiq Abdallah sab qunnamtii , imaama masjiida Taqwaa kan tahan Sheikh Abdussalaam Jibriil barreessaa fi akkasumas namoota lama kan biroo miseensa godhuun filatan.

 

Ganama har’aa immoo poolisiin naannichaa qabeenya waajjiraa majliisa naannichaa lakkaa’uun hooggantoota haraawa ummanni filateef dabarsee kan keenne tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Prezdaantiin majliisa duraanii Muhammad Saabit ammas chaappaa majliisichaa waajjira kan hin kaahiin tahuun beekameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button