Masjiidal Aqsaa Kutaa 8ffaa

Qophii: Abu Ibtisaam

Hooggantoonni Salahaddiiniin bakka bu’an, dachii Shaam, Misraa fi iiraaq bulchuuf tattaaffii godhanii jiru. Haa tahu malee dachii bal’aa san akka hoogganaa isaanii isa duraa sanitti bulchuun heddu itti ulfaate. Salahaddiin hawaasa muslimaa hunda biraa fudhatama guddaa argatee ture. Kanas islaamummaaf dhaabbachuu isaatiin argate. Kanaaf ammoo waraana Masqalaa dachii muslimotaa irra jiru waliin waraana heddu godhe. Haa tahu malee, warri isa hordofee dhufe, akka isaa san waraana irratti hirmaachuu daran,  ollaa isaanii waliin nagaya buusuu filatan. Nagaya buusuun rakkoo tahuus baatu, karaan isaan ittiin deeman garuu dogoggora guddaa ture.

Mee xqqoo  if duuba deebinee seenaa duraan mudate isin haa yaadachiisnu. Waraanni masqalaa jaarraa tokko dura, Awrooppaa irraa ka’ee dachii muslimotaa qabate. Dachii qabate kana irrattis dhiiga muslimotaa kumaatamaan laakkawamu dhangalaasee jira. Waraanni Masqalaa lammaaffaa fi sadaffaatis, mootiiwwan Awurooppaa gurguddoon durfamaa gara dachii muslimaa dhufee jira. Akka yaade magaalaa Al Quds qabatuun itti ulfaatus, dhiiga Muslimotaa heddu dhangalaasee jira. Inni sadaffaa irratti dhufes, rakkina isa mudateen gara Awurooppaa deebi’e malee, haga danda’ameen dachii muslimotaa too’achuu yaada qaba ture. Ummata akkanaa waliin karaan nagaya itti buusan bilchina irratti hundaahuu qaba. Kana ammoo warri salahaddiinitti aanee dhufe hin dandeenye.

Yeroo kanatti Phaaphaasonni Awurooppaa keessaa, dachii muslimotaa irratti injifannoo argachuu maa dadhabne jedhanii mari’atuu jalqaban. Xumura irrattis, furtuun injifaannoodhaa Dachii Misraa akka taate hubatan. Kanaafuu dachii Shaamii fi Al Quds dhiisanii, Misra irratti waraana banuu murteessan. Yeroo kanatti Phaaphaasiin haarawa kan Inosant sadaffaa jedhamu filamee jira. Phaaphaasiin kun adeemsi phaaphaasota isa  dura dabranii hundi dogoggora akka ta’e hubate. Phaaphaasiin useetuma bataskaana taa’ee, loltoota eebbisaa, akkasumas cubbuu isaan dalaganiif dhiifama kan godhu qofa taa’uu hin qabu. Phaaphaasiinis mootii ta’e akka mootiitti waraana ajajuu qaba yaada jedhu maddisiise. Kanaafuu haala kanaan hordoftoota isaa eega amansiiseen booda gara dirree waraanaa deemuuf akka qophaayan isaan ajaje.

Waraanni kun garuu mallaqa gahaa gara dachii muslimotaa ittiin deemu argachuu hin dandeenye. Haaluma kana keessa osoo jiru, dhaabbilee doonii gurguddaa kireessan waliin walii galuun gara dachii muslimotaa deemuu jalqaban. Haa tahu malee eega deemsa jalqabanii jidduu gahanii booda walii galtee dhaban. Kanaafuu hooggantoonni dooniidhaa, dirqamatti walii galuu waan qabnuuf, dhaabbachuu qabna jechuun gara dachii Qosxanxiiniyaa isaan geessan. Waraanni kun gara Masr deemuu yaadee biyyaa ka’e, haa tahu malee walii galtee dhabuu isaaniitiin dachii Turkiyaa irra qubatuuf dirqame. Magaalaan Qosxanxiiniyaa yeroo kanatti hordoftoota amantii Kiristaanaa kan garee ortodoksii harka turte. Waraanni Masqalaa Awerooppaarraa ka’e kun ammoo Kiristaana Kaatolikiiti. Waraanni masqalaa kun magaalaa Qosxanxiiniyaa irratti waraana banee, magaalattii bara 1204tti toohannaa isaa jala oolche. Jiraattota Magaalattiitiifi Waraana Qosxanxiiniyaatis gara jabeenyaan fixe. Kana booda kiristaanonni ortodoksii bakka garagaraa jiran jibba waraana masqalaatiif qaban ibsuu jalqaban. Barreessaan biyya Giriik tokko akkana jechuun gocha suukanneessaa waraana masqalaa ibse, ‘Waraanni Muslimaa Salahaddiiniin hoogganamu yeroo Magaalaa Al Quds qabatu, Kiristaanonni nagayaan akka bahan godhe. Waraanni Masqalaa kun garuu Osoma kiristaana ta’ee jiruu magaalaa Kiristaanotaa qabatee, dhiiga Kiristaanotaa dhangalaase. Namoonni kunniinii fi Salahaddiin haga samii fi dachii walirraa fagaatan” jedhe.

Waraanni Masqalaa qabeenya magaalaa Qosxanxiniyaa irraa saameen deeggaramee, bara 1218titti magaalaa qarqara biyya Masr Daamiyeetaa dhaqqabe. Eega achi gahee waggoota sadihiif osoo hin socho’in achuma ture. Turtii kanaan booda yeroo Magaalaa Qaahiraa (Kaayroo) qabachuuf socho’anitti rakkini guddaan isaan mudate. Lagni Naayil guutee dachii masrii irratti balaa guddaa fidee jira. Waraanni Masqalaatis bishaan kanaan marfamee, faradoon isaaniitis dhoqqeen liqimfamanii isaaniin deemuu didan. Muslimoonni amala dachii sanii beekanis, waraana san guutumaan guututti too’annaa ofii jala oolchan. Waraanni Masqalaa kun, seenaa Warra Kiristaanaa keessaa waraana salphataa jedhamuun waamama.

Rakkinni kun hundi isaan mudatus, phaaphaasichi ammallee adabachuu hin barbaanne. Kaayyoon isaa Muslimota dachii irraa fixuun Magaalaa Al Quds qabachuudha. Mootiiwwan Awurooppaa gara waraana kanaa akka makaman dhidhiibuu jalqabe. Mootiiwwan hedduun laafaniiru, Ammaaf Awurooppaa irratti Mootii Roomaa Freedriik 2ffaa qofatu humna jabaa qaba. Phaaphaasichis mootiin kun waraana akka qopheessu ajaje. Mootiin kun garuu waggaa lamaaf Phaaphaasicha didee ture. Muslimoota irratti waraana banuun kasaaraa guddaa waan itti fiduuf waraana kana irratti hirmaachuu dide. Haala kanaan phaaphaasichaa fi Mooticha jiddutti rakkoon jabaan dhalate.

Osooma rakkoon isaan jiddutti haala kanaan hammaachutti  jiru, Mootichi gammachuu guddaa takka dhagahe. Gammachuun mootichaa kun waraana muslimaatiif ammoo salphina guddaa ture. Obboleewwan Salahaddiin Al Ayyuubii sadiin lubbuun jiran, aangoo  irratti wal loluu jalqaban. Yeroo kanatti sadan keessaa hoogganaa Misraa kan ture Al Kaamil, murtee akkaan fokkotaa murteesse. Gara Mootii Roomaa dhaqee na gargaari jedhee kadhate. Mootichi Roomaa Freedriik lammaffaanis dhufee akka isa gargaaru waadaa isaaf seene. Garuu haal dureen inni kaaye akkaan nama qaanfachiisa. Magaalaa Al Quds naaf kennuu qabda jedhee gaafate. Kunis kasaaraa guddaa ummata Muslimaa irratti fide. Magaalaan Al Quds dhiiga Muslimota hedduun bilisoomte. Salahaddiin Al Ayyuubis, magaalaa tana eeguudhaaf qabeenya heddu irratti dhangalaasee jira. Obboleeyyan isaa kan isaan booda dhufan garuu, haala kanaan magaalattii kennuun isaanii hedduu nama qaanfachiisa.

Mootichis haala kanaan walitti bu’iinsa phaaphaasicha waliin uumame fayyifachuudhaaf, yeroo fi carraa argate. Bara 1229 waraanni Masqalaa kun loltoota 300 qofa qabatee, gara magaalaa Al Quds imalee, Waraanaafi dura dhaabbannaa takkaan maletti, magaalaa Al Quds nagayaan seene. Kasaaraa takkaan malee magaalattii too’annaa ofii jala oolche. Waraanni masqalaa eega magaalattii qabateen booda, dhiiga muslimotaa hin dhangalaasne. Garuu seera tokko tokko kan muslimota cunqursu baasuu jalqabe. Fakkeenyaaf, mooticha hirribaa akka hin dammaqsineef sababa jedhuun, Azaannii fajriidhaa akka hin godhamne dhoorke. Haala kanaan roorroon muslimootaa jabaachuu eegalte.  muslimotaaf jireenyi rakkisaa tahaa dhufe.

 

Comments
Loading...