header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaOg-Barruu

Shakkii malee Qiyaaamaan ni dhufti!

Akkuma garru kana taphaafi qoosaan Social Media fudhatee jira. Namni waa’ee Rabbii urgeeffatee raabsu muraasa. Keessattuu TikTok irraa baasa dhageenya. Feffeetee lubbuu obsuun jabaatte. Kaayyoo uumameef Ibaadaa dagatee dhaloonni sirbaafi dhiichisa qabate fakkaata. Ammoo Rabbiin dallanee dafee nama hin balleessu, gabroottan isaatiif qabaqabee waan bahan eega. Yeroo Rabbi nuuf kanne akka carraatti laallee daangaa bahuun sirrii miti. Dallanee gaafa nama qabe humaa hin hambisu.

Ilmaan Muslimaa akkuun kun sadarkaa taphaafi taphaa qofarra gahuun nama yaachifti. Muziqaafi Daansiin sinqii boruu hin taatu. Fedhii lubbuufi Sheexaana warra gabbaru hin tahinaa. Dirqamni nama waa beekuu hayyummaan lallabuu qofa. Haqa lallabame dhaggeeffatee hordofuun dirqama hundaati. Hamtuurraa obsaa. Gootummaan karaa haqaa irratti cichaa. Xiqqoofi guddoo jennuufi hojjenurraa gaafatamuuf akka teenyu deddeebi’aa if yaadachiisaa.

Shakkii malee Qiyaamaan dhufaa jirti, guyyaa waan dabarsine hundarraa gaafatamnu. Warra toltuu carraaqqateef Qiyaamaan yaaddoo miti. Sodaa Rabbii haa qabaannu. Kan waan gaarii facaase gaaruma galfata. Gammachuun dhugaa Islaamummaa irratti du’anii, herrega boruu dabranii Jannata seenuudha. Namuu waan aadeeffate irratti du’a, waan irratti du’een Qiyaamaas kaafama. Kan arra taphaafi qoosaan umrii balleesse boru salphata. Osoo taphatan du’anii kaafamuun hin bareeddu. Hadaraa! Guyyaa fuula Rabbii dura dhaabbattaniif qophaawaa. Mee Aayata Suuraa al Ma’aarij kana afeeramaa.

*فَذَرْهُمْ يَخُوضُوا وَيَلْعَبُوا حَتَّىٰ يُلَاقُوا يَوْمَهُمُ الَّذِي يُوعَدُونَ * يَوْمَ يَخْرُجُونَ مِنَ الْأَجْدَاثِ سِرَاعًا كَأَنَّهُمْ إِلَىٰ نُصُبٍ يُوفِضُونَ * خَاشِعَةً أَبْصَارُهُمْ تَرْهَقُهُمْ ذِلَّةٌ ۚ ذَٰلِكَ الْيَوْمُ الَّذِي كَانُوا يُوعَدُونَ*


*(Yaa Muhammadoo)hanga guyyaa isaanif baallamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa seenanii) haa taphatanii dhiisi * Guyyaa qabrii irraa dafanii baafaman isaan akka waan gara Taabotaa dhangala’aniiti * Ijji isaanii xiqqaattee salphinni isaan hagooga. Sun guyyaa isaan sodaachifamaa turani*

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button