header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Masjiidu Towfiq kan Magaalaa Minneapolis keessatti argamu balaa ibiddaatiin miidhamuu gabaafame

Masjiidni guddaan Hawaasa Oromoo kutaa Minnesota magaalaa Minneapolis keessatti argamu, kan Towfiq Islamic Centre jedhamu sababa hin beekamneen gubachuu gabaafame. Balaa eda Salaata Ishaa’ii booda muudate kanaan, lubbuu fi qaama namaa irra miidhaan gahe kan hin jirre tahuus beekamee jira.

Gamoon Masjidichaa gama tokkoon kan gubate tahus, carraaqqii cimaa humni ittisa balaa Ibiddaa magaalattii godheen Masjiidichi kan dandamate tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Ka’umsa balaa kanaa ilaalchisee poolisiin magaalattii qorannoo geggeessuun haawaasa kan beeksisu tahuu ibsuullee odeeyfannoon OIC irraa argame ni mul’isa.

 

One Comment

  1. Asalaamualeeykuum Warahamaatuullaahi Wabaaraakkaatuuhu

    Allahu Akkubar
    INAA LILLAA WO INAA ILHE RAAJUNNI

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button