header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaan Marii fi Tumsa Nuuralhudaa aanaa Balee Gasgaaritti geggeeffame

Sagantaan kun miidiyaan Nuuralhudaa tamsaasa Televizhiinii Saatalaayitiin jalqabuu isaa fi miidiyaa kana Cimsuuf hawaasa muslimaa aanaa Balee Gasgaar keessa jiraatuun kan qophaa’e yoo tahu, bu’uuressaa Garee Sumayyootaa fi Bilaalotaa akkasumas hogganaa miidiyaa Nuuralhudaa kan tahan Ustaaz Abdurrahmaan Huseen (Xalibuu Ridallaah) dabalatee namoonni hedduun saganticha irratti hirmatanii jiru.

Keessummoota sagantaa kana irratti argaman jidduu:
Ustaaz Abdurrahmaan Huseen, Ustaaz Naasir Shashamannee irraa, Ustaaz Ibsaa Baalee Roobee irraa Sheikh Abduulgaffaar Adaamaa irraa, Sheikh Ahmad Haaj Usmaan Adaamaa irraa, Sheikh Jamaal Adaamaa irraa, Munshiid Abdurrahmaan Huseen Dirree Dhawaa irraa, Sheikh Abdulshakuur, Sheikh Muhammad Huseenii fi keessummoonni hedduun argamuu beekameera.
Hawaasni muslimaa aanaa Balee Gasgaar Miidiyaan kun Cimee akka itti fufuuf tumsa akka godheefi, akkasumas fuulduraafis deeggarsa barbaachisu mara godhuuf qophii tahuu ibse.

#Sagantaa_Tumsaa #Balee_Gasgaar

2 Comments

  1. Alhamdulillaah Midiyaa muslimaa kan afaan saba guddaa kanan ummata isaa biraa gahuu arguu kiyyaf gammachuu guddaatu na dhaga’ame! baayee isin jallana nuf jabadhaa nutis isin wajjin jirra. galatooma!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button