header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Ministeerri Fayyaaa Qaamoleen qajeelfama tatamsaa’a Covid-19 too’achuuf bahe Cabsan  hidhaa waggaa lama hanga sadiin kan adabaman ta’u ibse

Ministeerri Fayyaaa Itoophiyaa fi Abbaan Alangaa  Federaalaa ibsa guyyaa har’aa keennanniin , tatamsaa’a Vaayirasichaa too’achuuf sosochii namootaa fi hawaasummaa ilaalchisee dhorkamaa fi qajeelfama yakkaan nama gaaffachiisu ifoomsaniiru.

Qaamoolee qajeelfama bahe kana cabsan irratti adabbiin hidhaa waggaa lama hanga sadii ga’uu fi adabbiiwwan biroon adabamuu akka danda’an Abbaan Alangaa waliigalaa beeksiseera.

Akkaataa qajeelfamichaan namni vaayrasichi irratti argamu kamiiyyuu gara biyya keessaa akka hin galle dhorkamee jira.

Namni dhuunfaa Vaayirasichaan qabame akka hawaasatti hin makamne, dirqama ta’ee yoo argame of eeggannoo barbaachisu godhuu akka qabu, Akkasumas haala vaayrasicha dabarsuu danda’uun nama fayyaa qabutti dhiyaatee argamnaan seeraan kan gaafatamu ta’u ibsame.

Iddoo kamittuu hagguuggii fuulaa malee socho’uun dhorkaa yoo ta’uu, dhaabbileen tajaajila laatanii fi dhaabbileen daldalaa qaama haguuggii fuulaa hin godhanneef tajaajila akka hin kennine qajeelfamichi kan dhorku ta’uu Ministeerri Fayyaa fi Abbaan Alangaa Federaalaa ibsa waliin ta’uun har’a baasaniin ifoomsaniiru.

Sosochii Geejjibaa, Ispoortii fi walga’iin hawaasummaa fi kanneen biroo dambii dhaabbileen dhimmichi isaan ilaallatu baasaniin hojiirra oola jedhame

Walga’iin walqabatee qaamni walga’ii waame, qajeelfamoota tatamsaa’a vaayirasichaa too’achuuf bahan irratti hundaa’uun haala mijeessu fi hojii irra oolchuu akka qabu, Akkasumas Lakkoofsi namoota hirmaatanii 50 qofa akka ta’u murteeffamee jira.

Qajeelfamoonni kun wixaata iftaanii irraa kan hojii irra oolfamu tahuus ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button