header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Braaziil keessatti lakoosi namoota Covid -19 qabamuun mirkanaahee miiliyoona 1 dabruu gabaafame

Braaziil keessatti weerarri Vaayirasii koroonaa daran kan hammaataa jiru yoo tahu, guyyaa kaleessaa qofa Vaayirasichi namoota kuma 54 fi 771 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise. Haaluma kanaan hanga ammaatti Vaayirasichi lammiilee biyyattii miiliyoona 1 fi kuma 38 ol irratti akka argameefi, namoota kanneen jidduu 49,090 sababa dhibee kanaatiin du’uu gabaafame.

Kanuma hordofuun Braaziil yeroo ammaa Ameerikaatti aanuun biyya dhibee Covid-19 halaa hamaan miidhamte taatee jirti.
Ameerikaa keessatti ammoo hanga guyyaa har’aatti namoota 2,297,000 ol vaayrasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu, namoonni 121,407 du’uu gabaafame.
Biyyoota addunyaa weerara kanaan miidhaman jidduu Raashiyaan sadarkaa 3ffaa irratti kan argamtu yoo taatu, biyyattiitti namoonni 556,000 ol dhibee kanaan qabamaniiru.

Akka ardii Afrikaatti ammoo Afrikaa Kibbaatti namoota kuma 87,715 Vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu , lubbuun namoota kuma 1,831 yoo darbu, Masri keessatti namoota 52, 211 dhibeen kun irratti argame keessaa lubbuun namoota 2,017 darbee jira.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsa kaleessa baaseen, weerarri vaayrasii koroonaa daraan hammaataa akka dhufeei, Addunyaa irratti guyyaa tokkotti qofa namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 50 dhibee kanaan qabamaa jiraachuu ifoomse,

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button