header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota sababa COVID-19 du’anii 400,000 dabre

Weerarri Vaayirasii Koroonaa ji’a shan dura Chaayinaa keessatti ka’e, hanga ammaatti guutuu addunyaa keessatti ummata 402,000 ol galaafatuu gabaafame. Akka ragaa Johns Hopkin University irraa argameetti, lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamuu mirkaanaahe miiliyoona torba kan gahe yoo tahu, namoonni miiliyoona 3,400,000 tahan ammoo dhibee kana irraa fayyanii jiru.
Tamsa’ini Vaayirasichaa biyyoota muraasa kanaan dura akka malee miidhaman keessatti kan hir’ataa dhufe tahus, naannolee addunyaa kan biroo keessatti ammoo daranuu babal’ataa jira. Biyyoota yeroo ammaa Vaayirasichi haala yaaddessaa taheen keessatti babal’ataa jiru jidduu Braaziil, Raashiyaa, Indiyaa, Peeruu, Turkiyaa fi Meeksikoon adda duree tahuu ragaaleen ni mul’isu.
Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamuu mirkanaahee miiliyoona lamatti dhihaate jira. Biyyattii keessatti ammalle guyya tokkotti yoo xiqqaate namoonni 1,000 ol sababa vaayirasichaatiin kan du’aa jiran yoo tahu, walumaa galatti hanga ammaatti 112,000 ol du’uu gabaafame. Meeksikoon ammoo U.S.A tti aanuun biyyoota Ameerikaa Kaabaa keessaa biyya lammataa weerarri vaayirasichaa keessatti hammaate taatee jirti.
Weerarri Vaayirasichaa yeroo ammaa naannawa addunyaa hunda caalaa Ameerikaa Kibbaa keessatti hammaate. Braaziil, Peeruu fi Chiilii keessatti ammoo vaayirasichi lubbuu namoota hedduu galaafataa jira.
Haaluma wal fakkaatuun Afrika keessattis Vaayirasichi hanga ammaatti namoota 185,000 ol irratti argamuu gabaafame. Lakkoofsi namoota Vaayirasichaan du’anii ammoo 5,000 dabree jira. Keesumattuu weerarri Vaayirasicha naannawa baha Afrikaa keessatti daran hammaataa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button