AfrikaaOdeeyfannoo

Ministeerri Ittisa Suudaan biyya ollaa keessatti tasa du’uu gabaafame

Ministeerri Raayyaa Ittisa Suudaan Jamaal Umar, Suudaan Kibbaa magaalaa Jubaa keessatti Arba’aa har’aa kan du’e tahuu qondaaltonni biyyattii beeksisan. Manni Marii mootummaa ce’umsaa Suudaan akka ibsetti, Jeneraaal Jamaal Umar gareewwan riphxee loltoota Suudaan waliin Jubaa keessatti marii irra ture.

Waraanni Suudaan gama isaatiin addatti ibsa baaseen ammoo, Jeneeraal Jamaal Umar dhibee Onnee tasa muudateen kan du’e tahuu ibsuun, reefki gara biyyaatti eega deebi’ee booda Arba’aa har’aa sirni awwaalchaa magaalaa Khaartuum keessatti kan geggeeffamu tahuu beeksise.
Jeneraal Jamaal Umar bara bulchiinsa Prezdaantiin duraanii Umar Al Bashiir keessa hogganaa tajaajila odeeyfannoo waraanaa ture. Al-Bashir April /2019 angoo irraa eega fonqolchamee booda ammoo, miseensa mana marii waraana biyyattii akka ture odeeyfannoon ni addeessa.

 

Tags
Show More

5 Comments

...

Back to top button
Close
Close