header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Manni Murtii Idil Addunyaa-ICJ’n duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame ilaaluu Jalqabe

Manni Murtii Idil Addunyaa International Court of Justice (ICJ) jedhamu, duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame ilaalchisee, himannaa yakkaa Gaambiyaan mootummaa Miyanmaar irratti bante wixata har’a ilaaluu jalqabe. Haaluma kanaan manni murtichaa himannaa kana December 10-12/2019tti dhageefachuuf kan itti fufu yoo tahu, xalayaa waamichaa ICJ’n baase hordofuun Jilli Mootummaa Miyanmaar Aang San Suchiitiin hogganamu mana murtii The Hague duratti kan dhihaate tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Manni Murtii Haqa Idil Addunyaa ICJ’n dhimmoota biyyoota lama jiddutti ka’an kan ilaalu yoo tahu, biyyiti Lixa Afrikaa Gaambiyaan Gamtaa Biyyoota Islaamaa 57 bakka bu’uun mootummaa Miyanmar irratti himannaa kana bante.

Haaluma kanaan Ogeeyyonni seeraa mootummaa Gaambiyaa himannaa dhiheessaniin, Mootummaan Miyanmaar karooraa fi haala qindaaween muslimoota Rohingiyaa irratti bara 2017 irraa eegalee yakka duguuggaa sanyii raawwataa jiraachuu ibsuun, manni murtichaa mootummaa Miyanmaar gocha kana irraa akka dhaabsisu gaafatan. Himannaa hanga ammaatti dhihaate keessatti ragaalee Satalaayitii, qorannoo UN fi dhaabbileen mirga namoomaa idil addunyaa geggeessan, ogeeyyota seeraatiin kan dhihaataa jiru tahuun beekamee jira.

Haaluma wal fakkaatuun Manni Murtii Yakka Idil Addunyaa ICC jedhamu kan achuma Netherlands magaalaa The Hague ‘tti argamu, qondaaltota mootummaa Miyanmaar duguuggaa sanyii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame keessaa harka qaban irratti himannaa banuuf, kan qophaayaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Muslimoota Rohingiyaa ajjeechaa fi dararaa hamaa mootummaan Miyanmaar isaan irratti raawwataa ture jalaa lubbuun hafan jidduu, ummanni 700,000 ol gara biyyoota ollaatti kan baqate tahuu UN dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa gabaasaa turuun ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button