header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Indiyaa uggura kutaa Kaashimiir irra kaa’ee ture haga tokko kaasuu ibse.

Mootummaan Indiyaa torbaan dabre Kutaa Kaashmiir kan ummanni keessa jiraatu irra jireessaan Muslimaa, mirga ofiin of bulchuu heerri biyyattii keeyyata 370 irratti hayyamu irraa mulquun ni yaadatama.

Murtii tana hatattamaan hojii irra oolchuuf, akkasuma mormii naannichatti ka’e ukkaamsuuf tajaajila qunnamtii bilbilaafi Internet hunda addaan kute. Manneen barnootaafi iddoowwan tajaajila hawaasaa Kashmiiriitti argaman hedduus cufee jira.

Tarkaanfii mootummaa Indiyaa tana hordofuun mormiin guddoon biyya keessaafi guutuu addunyaa irraa mootummaa Indiyaatti dhoohe.

Sarbamiinsi mirga namummaa kutaa Kashmiiriitti mootummaa Indiyaa raawwataa jiru akka dhaabbatu jechuun hedduun akeekkachiisaa jiran.

Gamtaan Biyyoota Islaamaa(OIC), tarkaanfii mootummaan Indiyaa Kutaa Kashmiir tti fudhataa jiru balaaleeffate. Hatattamatti sarbamiinsi mirga namummaa kun akka dhaabbatuus gaafate.

Mootummoonni biyyoota garagaraafi dhaabbileen mirga namummaaf falman danuun tarkaanfii hammeenyaa tana hadheeffatanii balaaleeffatan.

Qondaalli kutaa Kashmiir ibsa guyyaa kaleessaa Miidiyaaleef kenne irratti, tasgabii amma naannichatti mullataa jiruun, uggurri tajaajila geejjibaa, uggurri ummanni magaalaa keessa akka hin sochoone kaahamee ture, kaafamuu dubbate.

Itti ida’uunis manneen barnootaa ugguraman, August 19 irraa kaasee kan banaman tahuu ibse.

Guyyaa har’aa immoo tajaajilli qunnamtii bilbilaafi Internet addaan citee ture aanaalee muraasatti gadi lakkifamuu odeyfannoowwan bahan ni mullisan.

Tarkaanfii mootummaan Indiyaa, Kashmiir irratti fudhateen rogeeyyotaafi hoggantoonni siyaasaa beekkamoon kutaa Kashmiir tti argaman 1000 ol kan hidhaman tahuus odeeyfannoo ni addeessa.
#Kaashmiir

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button