header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Namtichi Jannata dhaqee deebi’e jechuun ummata gowwoomsaa ture hidhame

Naannoo Amaaraa godina Goondar aanaa Xagadee ganda Irgooyyee jedhamu keessa jiraataa kan tahe Qannaawu Abajjee, “Sadaasa 21/2011 halkan keessa sa’aa 8:00 jannata dhaqee deebi’e, ummanni guyyaa wixataa akka dhumu Rabbi naaf himee jira”jechuun ummata keessatti oduu dharaa facaasuu isaatiin too’annaa jala kan oolfame tahu Miidiyaan naannoo Amaaraa gabaase.
Akka gabaasa kanaatti, Namtichi kun “kitaaba kadhannaa qabadhee gara Jannataa eega imalee booda, Yeroon Jannata dhaqu Maariyamiinis Rabbiin cinatti arge, Rabbiin kitaaba narraa fuudhuun ummanni guyyaa wixataa ni bada jedhee naf hime”jechuun ummata irratti bahee kijiba lallabaa turuu isaatiin, ummanni naannichaa sodaa keessa seenun barattoonni barnoota addan kutanii akka turan gabaafame. Akkasumas namoonni heddu sodaadhaan naannicha gad lakkisanii kan baqatan tahuus odeeyfannoon ni ibsa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button