header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muhammad Bin Salman: “Yoo Iraan Boombii Niiwukilara oomishte, Sa’udiinis hatattamaan hidhatti”

Dhaaltuun gonfoo Sa’udii Arabiyaa Muhammad Bin Salmaan gaafii fi deebisaa Khamiisa har’aa Televizyoona CBS News waliin godheen, “Sa’udiin Boombii Niwukilarii hidhachuudhaaf fedhii hin qabdu; haata’u malee Iiraan Boombii Niwukilaraa yoo kan oomishtu tahu, Sa’udiinis hatattamaan ni hidhatti” jedhe.
Hariiroon biyyoota lamaanii yeroo irraa yerotti hammaata kan dhufe yoo tahu, waraana Suuriyaa fi Yaman keessatti gaggeeffamaa jiru dabalatee, dhimmoota naannichaa heddu irratti faallaa walii hiriiruun wal falmaa jiru.
Dhaaltuu gonfoo fi Ministriin Ittisa Sa’udii kan tahe Muhammad Bin Salman, hogganaan Iiraan Ayatollah Khomiinii amala Adolf Hitler waraana Addunyaa lammaffaa dura mul’isaa ture irraa deebi’aa jira jedhe. “Khomiiniin Baha Jiddu Galeessaa keessatti karoora mataa ufii babal’isuu barbaada, Hitler yeroo isaatti kanuma godhe. Biyyoota Awurooppaatis tahee kanneen biroo jalqaba irratti adeemsa Hitler hin hubanne ture, nuti ammoo naannawa Baha Jiddu Galaa keessatti kun akka uumamu hin hayyamnu” jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button