header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Donaald Traamp mariin hoogganaa Kooriyaa Kaabaa waliin karoorfate irratti kan hirmaatu tahuu beeksise

Traamp Torbee dabre keessaa sagantaa Marii Kim Jong-Un waliin Singaapor keessatti Jun 12tti karoorfame irratti kan hin hirmaanne tahuu beeksisee ture. Haata’u malee guyyaa hardhaa Qondaala Ol’aanaa mootummaa Kooriyaa Kaabaa kan tahe Kim Yong-Chol waliin Waayithaawus keessatti eega mari’ateen booda, sagantaan marii haqamee ture kan geggeefamu tahuu beeksise.

Traamp marii Mr Kim Yong-Chol waliin geggeesseen booda repoortarootaaf akka himetti, marii June 12 geggeeffamuun qofa dhimmaa Niiwukilarii Kooriyaa Kaabaa irratti waliigalteen ni mallatteeffama yaadni jedhu kan hin jirre tahuu ibse. Traamp akka jedhutti mariin kallattiidhaan hoogganaa Kooriyaa Kaabaa waliin geggeeffamu al tokkotti kan milkaayu tahuu yoo dhabaatellee jalqabbii gaarii ni taha jechuun dubbate.

Waggoota 18 dabran keessatti Mr Kim Yong-Chol dura qondaalli ol’aanaan Kooriyaa Kaabaa Ameerikaa daaw’ate kan hin jirre tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button