header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mujiib Amiinoo Gurraandhala 22/2010f beellamame

Obboleessi keenya kan muslimoota Galmee Eliyaas Khadiir jalatti himataman irratti ragaa dharaa akka bahu gaafatamee diduu isaatii fi akkasumas koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa hidhaa irra baasuuf yaalii goote yakka jedhuun himatamee adabbiin hidhaa irratti Murteeffamee ture dargaggoo Mujiib Amiinoo kanaan dura murtiin ana irratti keenname sirrii miti jechuun mana murtii olaanaa Federaalaatti ol iyyaannoo dhiheeffatuun isaa ni yaadatama.

Guyyaa har’a manni murtii Federaalaa iyyaannoo isaa dhaga’uuf gurraandhala 22/2010niif kan beellame tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Back to top button