header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Balaa Kirkira lafaa Turkiyaa keessatti muudateen namoonni 200 ol miidhamuu gabaafame

Balaa Kirkira lafaa hamaa maagnituudii 6.6tti shallagamu, kan magaalaa Izmiir jedhamtu keessatti guyyaa har’aa muudate kanaan, namoonni 6 du’uu fi namoonni 202 ol miidhamuu, Akkasumas gamoowwan daldalaa fi manneen jireenyaa heddu kan jijjigan yoo tahu, hojjattoonni yeroo balaa namoonni jijjigaa manneenii jalatti awwaalaman jiraachuu malan sodaa jedhuun barbaacha kan itti fufan tahuu gabaafame.

Turkiyaan naannawa kirkirri lafaa yeroo heddu itti muudatu keessatti kan argamtu yoo taatu, kirkirri lafaa hamaan bara 1999 kaaba dhiha biyyattii keessatti muudate halkan tokkoon namoota 18,000 ol galaafate. Haaluma walfakkaatuun kirkira lafaa bara 2010 kutaa Elazig keessatti muudateen namoonni 51 du’uu odeeyfannoon ni addeessa.

Kirkira lafaa Turkiyaa October 30, 2020
Kirkira lafaa Turkiyaa October 30,2020

7 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button