header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi ministeeraa gara Asmaraa imale

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad har’a ganama gara Eertiraa kan imale tahuu hoogganaan waajjirra muummicha ministeeraa Obbo Fitsum Araggaa beeksise. Dr Abiy imala isaa kanaan waldhabdee biyyoota lamaan jidduu ture furuudhaaf prezdaant Isaayyaas Afaworqii waliin ni mari’ata.

 

Jila Mootummaa Itoophiyaa muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmadiin hoogganamuuf Asmaratti simannaan hoo’aan godhameef. Prezdaant Isaayyaas Afaworqii fi qondaaltonni ol’aanoon biyyattii buufata Xiyyaara Asmaraatti argamanuu simatanii jiru. Ummanni magaalaa Asmaaraatis daanditti bahuudhaan gammachuu isaa ibsatee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button