BoohartiiOg-Barruu

Namni Lubbuu 2 qabu jiraachuu quba qabduu?

Ardii Ameerikaa kaabaa Kutaa Mineesotaa keeysatti, Marcha 7, bara 1990 A.L.M. Guyyaa Arba’aa dubartiin takka ciniinsuudhaan qabamtee gama hospitaalaa deemte. Doktoroonnis qorannoo barbaachisu eega godhanii booda, gama kutaa dahuumsaa akka seentu ajajan. Akka qorannoon ultra soundii mullisutti, dubartiin tun daa’ima takka garaadhaa qabdi. Turtii muraasa booda deeggarsa ogeeyyii fayyaatiin dubatiin tun nagayaan hiikamte. Wayta daa’imti garaa baatu, doktoroonni hedduu rifatan. Hoggasuma ogeeyyii fayyaa birootis yaammatanii oliifi gad fiiguu eegalan.

Mudannoon akkanaa kun dubartii miiliyoona 30 keeysaa, takka qofarratti mudata. Wanti kun waan hedduu nama rifachiisu. Daa’imman dubraa 2 walitti maxxananii dhalatanii jiru. Yeroo heddu daa’imman haala kanaan dhalatan, sa’aa 24 caalaa lubbuun hin turan. Kanaaf doktoroonnin gamtaan irratti hirmaatanii lubbuu daa’imman tanniinii du’a oolchuuf tattaafii eegalan.

 

Daa’imman ajaa’ibaa tunniin, kan harka sadih, miila lama, mataa lamaa fi qaama tokko qaban. Mataan tokko qaama guutuu kan akka gurraa, ijaa fi funyaanii guutuu qaba. Mataan kuunis akkasuma. Harki lama bitaafi mirgatti argama. Harki 3ffaan ammoo jidduu isaaniitti argama. Qaamni isaanii xiqqaan sun, qaamolee garaa keeysa jiran kanneen akka onnee, tiruu, sombaa fi kanneen biroos walitti qindeeysee, dalagaa isaanii akka dalagan taasisuu qaba. Kun ammoo fedha Rabbiitiin qofa kan mudatu waan ta’eef, doktoroonni gargaarsa qofa isaaniif godhu. Fedha Rabbiitiin ijoolleen sunniin yeroo jedhame bira dabranii jireenya nagayaa jiraachuu jalqaban.

Proofeesar Niik Fisk namni jedhamu dhimma ijoollee tanniinii guyyaa jalqabaarraa kaasee hordofaa ture. Jiruu isaa keeysatti, lakkuu akkanaa kan lubbuun hafe argee akka hin beeyne dubbata. Joolleen tunniin Abii fi Briitnii jedhamanii moggaafaman. Daa’immaan tunniin Qaama tokko keeysatti onnee gara garaa 2 qabu. Sombi isaaniitis garagara. Haa ta’u malee sombi isaanii kan jidduu irra jiru, jechuunis sombi Abii kan gama bitaa fi kan briitnii kan gama Mirgaa jiru,  gama jalaatiin walitti maxxana. Qaamni isaanii kan Sombaa gad jiru qaama gara garaa tahus, akkuma sombaa walitti maxxanaa deema.

Abii fi Briitniin wayta dhalatan harka sadih qabaachuu turan. Inni lama gamaa gamanaan kan argamu yoo tahu, sadaffaan ammoo jidduu morma isaaniitti argama. Harki kun faaydaa waan hin qabneef, xiqqeenyumatti irraa muran. Harka sadi qabaachuun isaanii kun jiraachuu isaaniitiif sababa akka tahe dubbate Proofeesar Fisk.  Sababaan inni dhiheeyses, harka sadih ykn ammoo Afur qabaachuun, qaamni gama gubbaa dacha dacha tahuudha mullisa. Kanaafuu qaamman jireenyaaf barbaachisoo ta’an hunda kopha kophaa waan qabaniif walitti bu’iinsi hin jiraatu jedhe.

Daa’imman tunniin sammuu adda addaa qabu. Akkaataan itti yaadan, wanti isaan barbaadan hundi garaagarummaa qabaachuu dandaha. Miilli gama bitaa sammuu Abiitiin hogganama. Miilli gama mirgaa ammoo sammuu briitniitiin hogganama. Kanaafuu joolleen tunniin walii galtee qabaatan malee, garamuu sochoo’uu hin dandahan jechu. Wal qixa rafuu qabu, wal qixa hirribaa  ka’uu qabu.

Waan hunda walumaan hojjachuun isaanirratti dirqama.

 

Show More

One Comment

...

Back to top button