Namticha waan du’arraa hafeef jibbame
Ameerikaan guddina diinagdeetiifi waraanaatiin beekamti. Chaayinaan oomisha meeshaalee adda addatiin guutuu addunyaatti faarfamti. Afrikaan ammoo hoongee fi dhukkuba, walitti bu’iinsaafii lola gosaa, akkasuma mootummoota abbaa irree heddu qabaachuun himamti. Garuu biyyi takka tan guddina diinagdeetiin duratti tarkaanfatte, tan addunyaa irratti maqaan isii heddus hin dubbatamnetu jira. Sunis Jaappaani. Jaappaan yeroo ammaa kana akka biyyoota guddanne ofiin jedhanii, dhimma biyyoota biroo keessa seenaa jeequmsa hin kaastu. Kanaaf maqaa isii hedduminaan dhagahuu dhabne. Dabalataan Jaappaan biyya addaati jechuus dandeenya. Biyya duudhaa fi aadaan sirritti keessatti kabajamuudha. Biyya teeknolojiinis hedduu fagaatteedha. Barruu tana keessatti waa’ee Jaappaan qabxiilee muraasa isinii dhiheessina.
- Lammiin Jaappaan kan doonii Taaytaanik yaabbatee lubbuun hafe, Jaappaanota biratti jibbamaa ture.
Maasaabuumii Hosoonoo jedhama. Lammii Jaappaaniiti. Hojjataa mootummaa kan ta’e Hosoonoon, Raashiyaa dhaqee waa’ee hadiida Raashiyaa akka qoratuuf ergame. Gaafa hojii isaa kan raashiyaa keessaa qabu xumure, gara Jaappaan deebi’uun dura gara England imale. San booda carraa Doonii guddicha yeroo sanii Taaytaaniik yaabbachuu argate. Akka hojjataa mootummaa tokkootti mallaqa ni qaba. Kutaa sadarkaa duraa keessa seenee deemuu ni danda’a ture. Haa ta’u malee faranjii adii waan hin ta’iniif sadarkaa lammaffaa keessa akka seenu taasifame.
Boodarratti dooniin Taaytaanik cabbii guddaan walitti bu’ee caccabuu eegale. Qaamni doonichaa cinaan bishaan jala lixee, namni heddus bishaan keessatti dhumuu jalqabe. Hojjattoonni doonichaa bidiruu xixiqqoo yeroo rakkootiif qopheeffaman bishaanitti darbanii, namoota lubbuun hafan achirratti fe’uu jalqaban. Carraan duraa dubartootaa fi ijoolleef kennamaa ture. Hosoonoon osoo namni isa hin argin markaba dubartootaa fi ijoolleef qophaaye gubbaa bahe. Haala kanaan lubbuun isaa hafuu dandeesse.
Gaafa gara biyyaa deebi’u garuu wanti isa mudate gaarii hin turre. Sodaattuu maqaa Jaappaan nyaate jedhamee waamame. Maaf du’uu dhabde, maaliif lubbuun galte jedhanii itti dheekkaman. Gaazexaawwan biyyattiitis nama afaan du’aatii gale kana akka mallattoo gantummaatti walirraa fuudhanii gabaasan. Bakka dubartii fi ijoollee fudhatee lubbuun hafe jedhanii qeeqan. Hosoonoon san booda jireenya gaarii hin jiraanne. Qaaanfataa dachiirraa godaane. Maatiin isaatis sababa isaatiin qeeqa gara garaatiif saaxilamanii turan.
- Ummanni Jaappaan dhibbeentaan 28 manguddoota.
Akka addunyaatti namni manguddoo ykn jaarsa jedhamu nama umriin isaa 65 oliiti. Biyyoota teknolojiin guddatan keessa lakkoofsi manguddootaa haalaan dabaluurratti argama. Haala Kanaan ammaan tana Awrooppaa fi Eeshiyaan qubsuma jaarsotaa ta’aa jiru. Gama biraatiin Afriikaan ammoo dargaggeeyyii hedduu qabaachuudhaan beekamti.
Jaappaan ummata miiliyana 130tti dhihaatu qabdi. San keessaa parsantii 28 kan ta’u ykn ammoo ummanni miiliyaa 35 ta’u warra umriin isaanii 65 oliiti. Xaaliyaan ammoo manguddoota parsantii 22 qabaachuudhaan sadarkaa lamaffaarratti argamti. Jaappaan namoota umriin isaanii 100 dabre hedduu qabaachuunis sadarkaa duraa irratti argamti. Ummata biyyattii keessaa namootni kuma 50 caalan umriin isaanii 100 dabreera. Jaappaan keessatti daa’imman haaraya dhalatan irra, namoota dulloomaa jirantu caala. Manni baruumsaa heddus ijoollee barsiisu dhabuun cufamaa jira. Daayipparii daa’immaniirra kan jaarsotaa totorra’aniitu gurguramaa jira.
Qophii: Abuu Ibtisaam
Jaappaanitti Maa’elaan mallattoo bareedinaati
Jaappaan Atleetota Muslimaatiif Makiinaa Masjiida ofirraa qabu qopheessite