IbaadaaOg-Barruu

Qajeelfama Nama Hunda Fayyadu -Gali Abbaa Boor

Namni kamuu kan inni ittiin gammadu kaayyoon inni qabu isaaf milkaa’uudhaani. Kaayyoon Muslima kamiiyyuu jaalala Rabbii argatee jannata ol aanaa seenuudha. Muslimni kaayyoo kana hin qabne jira jedhee hin yaadu. Egaa kaayyoo tokko bakkaan ga’uudhaaf karoora nu barbaachisa. Namni kaayyoon isaa jannata ol aanaa argachuufi jannata keessatti sadarkaa ol aanaa irra argachuu ta’e, karoora kaayyoo kana waliin deemu baafachuu qaba. Karoorri inni baafachuu qabu kallattii kamiinuu haa ta’uu hojii gaarii hojjachuufi hojii hamtuu irraa fagaachuu irratti qabsaa’uudha.

Eega karoorri nuti baafannu hojii gaarii hojjachuufi hojii hamtuu irraa fagaachuu ta’ee, hojiin gaariiniifi hamtuun kun hiikti isaanii maal akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Hojii gaarii kan jedhamu dalagaa ulaagaa lama guuttateedha. Isaanis ikhlaasaafi mutaaba’aadha.
Ikhlaasa jechuun waan hojjattu hundaanuu fuula Rabbii barbaaduudha. Namni ikhlaasa qabu akka wanti Rabbiin biraa waan uumama bira jiru hunda irra caalu sirriitti beeka. Kanaafuu kabajaafi bu’aa addunyaa barbaachaaf jecha dalagaa khayrii hin dalagu. Wanti uumama biraa akka baduu fi kan Rabbii hafaa akka ta’e ni beeka. Rabbiin ni jedhe:
{ مَا عِنْدَكُمْ يَنْفَدُ وَمَا عِنْدَ اللَّهِ بَاقٍ وَلَنَجْزِيَنَّ الَّذِينَ صَبَرُوا أَجْرَهُمْ بِأَحْسَنِ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ (96)} [النحل: 96]“Wanti isin biraa ni dhuma. Wanti Rabbiin biraa immoo hafaa dha. Isaan obsaniif mindaa isaanii irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina” (An-nahl: 96).


Namni kana beeke immoo hojiin isaa hundinuu kabajaa nama biraa barbaacha ta’uu bira tarti; akkasumas faayidaa duuniyaa duubatti dhiifti. Fedhii lubbuutiin deemuu irraas ni duroomti. Sawaabuma Rabbii barbaacha qofaaf jecha hojjata. Rabbiin ni jedhe:
{مَنْ كَانَ يُرِيدُ الْعَاجِلَةَ عَجَّلْنَا لَهُ فِيهَا مَا نَشَاءُ لِمَنْ نُرِيدُ ثُمَّ جَعَلْنَا لَهُ جَهَنَّمَ يَصْلَاهَا مَذْمُومًا مَدْحُورًا (18) وَمَنْ أَرَادَ الْآخِرَةَ وَسَعَى لَهَا سَعْيَهَا وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَأُولَئِكَ كَانَ سَعْيُهُمْ مَشْكُورًا (19)} [الإسراء: 18، 19]“Nama (duniyaa) jarjartuu taate kana fedhu, isii keessatti nama feeneef waan feene jarjarsina. Eegasii ibidda jahannam arrabsamaa, darbamaa ta’ee kan seenu isaaf goona. Nama Aakhiraa fedhee haala dhugoomsee jiruun hojii isii isiif hojjate, warra san hojiin isaanii galateeffatamaa ta’eera” (Al-israa’i:18-19).
Kana jechuun ilmi namaa waan hojjatu kam keessatttuu gara uumamaa dhiisee gara Rabbii qofa ilaaluu qabaadha. Yoo ikhlaasni bade hojiin hojjatamee dalagaa gaarii ta’uu irraa baha.


Ulaagaan hojii gaarii inni lammaffaan immoo mutaaba’aadha. Mutaaba’aa jechuun waan hojjatan hunda keessattuu Ergamaa Rabbii (saw) hordofuudha. Seerri bu’uuraa kan amantii Islaamaa keessa jiru tokko “khayriin hundinuu warra salafaa hordofuu keessa jira; sharriin hundinuu bida’aa warri boodaa uume keessa jira” kan jedhuudha. Ergamaan Rabbiis (saw) “namni waan ajajni keenya itti hin jirre hojjate isarratti deebifama” jedhan. Kanaafuu namni tokko hogga hojii wahii hojjachuuf ka’e, kallattii Ergamaan Rabbii (saw) hojjatan qoratee ittiin hojjachuu qaba. Akka Ibn Alqayyim jedhetti namni kamuu Guyyaa Qiyaamaa hojii hojjate kamirraayyuu gaaffii lama gaafatamu malee hin hafu. Isaanis hojicha eenyuuf jecha hojjatteefi karaa eenyu sii baaseen hojjatte kan jedhuudha. Eenyuuf jecha hojjatteen ikhlaasaan kan wal qabatu yoo ta’u, karaa eenyu sii baaseen hojjatteen immoo Ergamaa Rabbii (saw) hordofuu ilaallata. Hojiin ulaagaa kana lamaan guuttate hojii gaarii jedhama. Wanti nuti hojjannee ittiin jannata keessa sadarkaa ol aanaa argannus isuma kana.


Dabareen hojii immoo kan inni ta’uu qabu jalqaba wantoota Rabbiin dirqama nurratti godhe hojjachuudha. Akka hadiisa keessa jirutti hojiin gara Rabbiitti irra jaallatamu kan isatti nama dhiheessu waajiba caalu tokkollee hin jiru. Kanaafuu jalqaba hojii dirqamaa hojjachuutu nurra jira. Fakkeenyaaf namni salaata sunnaa salaatutti xiyyeeffachuun dura waajibatti xiyyeeffannaa addaa kennuutu irra jira. Salaata laylii, taraawiiha masjida guutanii salaatuun dura Subhii masjiida guutanii salaatuutu dursa. Odoo zakaa guutummaan guutuutti hin baasin sadaqaa sunnaatti darbuu hin qabu. Namni eega waajiba hojjatee sunnaa dabalate immoo Rabbiin isa jaalata. Rabbiin hogga isa jaalate immoo ija inni haqa ittiin argu, gurra inni haqa ittiin dhaga’u, harka inni haqa ittiin qabuufi miila inni ittiin karaa haqaatti deemu isaaf ta’a. Yoo inni maganfates isa tiksa. Kanaafuu hojii waajibaa hojjannee kaanee sunnaattis jabaachuu nu barbaachisa. Namni sunnaa hojjate yoo waajibni isaa hir’uu ta’e Rabbiin sunnaa sanaan waajiba isaaf guutee adabbii jalaa isa baasa. Fakkeenyaaf yoo salaanni waajibaa isaa hir’uu ta’ee salaata sunnaa qabaate Rabbiin sunnaa sanaan salaata waajibaa isaaf guutee adabbii malee jannata isa seensisa. Garuu yoo hogga waajibni isaa hir’uu ta’u salaata sunnaa hin qabaanne ni adabama. Sadaqaan, soomni, hajjiiniifi kan biroollee akkuma kana. Kanaafuu, hojii sunnaa ta’an irratti jabaachuun akkaan nu barbaachisa.



Qabxiin biraa kan kaayyoo keenya ittiin milkeeffannu immoo badii yookiin waan dhorgamaa ta’e hunda irraayyuu fagaachuudha. Inni kun immoo dandeettii homaatuu hin barbaadu. Waan dhorgaman kamuu dhiisuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf zinaa, hannaafi kkf dhiisuun dandeettii homaa hin gaafatu. Kanaaf Ergamaan Rabbii (saw) “waan ani isin ajaje hanga dandeessaniin hojjadhaa; waan ani isin dhorge immoo dhiisaa” jedhan. Kana jechuun waan ajajaman hojjachuun dandeettii gaafata. Waan dhorgamte dhiisuun immoo dandeettii homaatuu hin gaafatu; garuu lubbuu kee irratti qabsaa’uu si barbaachisa. Hogga badii dhiifnus fuula Rabbii barbaachaaf ta’uun dagatamuu hin qabu.

Show More

...

Back to top button