Qurxummii Elektiriikaan nama gubu

Takaffur- Electric Eel

ⓒ Brave Wilderness

Arraan tana nuti hundi Smartphone fayyadamna. Meeshaa elektrooniksii heddu mana qabna. Meeshaaleen elektrooniksii hammayyaa irra hedduun baatriidhaan hojjatu. Osoo baatriin jiraachuu baatee, telefoonni amma barruu tana irraa dubbisaa jirtan kun hin jiraatu. Baatriin kun eessaa dhufe? Namni jalqaba baatrii hojjate eenyu? Maal irraa laalee hojjate? Gaafiin kun hundi deebisaa barbaada. Akka qorattoonni seenaa himanitti, baatriin jalqabaa dhaloota Nabi Iisaa (AS) dura biyya iiraaq keessatti hojjatame. Garuu baatriin kun biyya iiraaq keessaa bahee hawaasa addunyaa hin dhaqqabne. Gama birootiin namni jalqaba teeknoolojii baatrii amma nuti fayyadamaa jirruu kana argate Alessandro Volta jedhama.

 

Bara kudha sagal torbaatamoota keessa, Saayintistiin Carl Linnaeus Jedhamu qurxummii ajaa’ibaa tokko bishaan keessatti arge. Achi booda waahee qurxummii kanaa hayyoota yeroo san turaniif odeesse. Saayintistiin Alessandro Volta jedhamu kunis argannoo Carl Linnaeus kanarratti hundaayee qurxummii kanarratti qorannoo guddaa jalqabe. Qurxummiin kun yoo harkaan tuqan akka elektriikaa nama buta. Qaama nama hollachiisa. Maali uumamni akkanaa jedhee qorannoo eegale. Qorannoo yeroo dheeraa booda bara 1800 tti qurxummii kanaa irraa laallatee baatrii jalqabaa addunyaaf gumaache. Teknoolojii qurxummii kanarraa laallamee hojjatameen nuti hundi kunoo telefoona hammayyaa fayyadamaa jirra. Qurxummiin kuni maali? Uumama akkamiiti. Baaruu tana keessatti waa’ee qurxummii kanaa bal’inaan ilaalla.

Maqaan uumama kanaa Elektiriik iil (Electric Eel) jedhama. Maqama isaa irraa yoo kaanu elektiriika akka nuuf kennuu danda’u tilmaamuu dandeenya. Biyya Jaapaan keessatti haalli isaa mijaawaa ta’uus baatu, Anniisaa Elektrikaa kan ampuuliiwwan xixiqqoo ibsuu danda’u uumama kanarraa argachuudhaaf yaaliin godhamee jira. Elektiriik iil Sanyii Qurxummiiti. Qaamni isaa dheeraa ujummoo fakkaatu yoo tahu, Ulfaatinni qaama isaa haga kilograama 20 ni ta’a. inni gurguddaan haga meetira 2 fi walakkaa dheerata. qaama hagana dheeratu keessaa parsantii 80 kan ta’u, qaama anniisaa Elektiriikaa maddisiisuu danda’uun guutamee jira. Qaama isaa keessaa seeliiwwan xixiqqoo baatrii fakkaatan qaba. Akkuma nuti raadiyoo dhaggeeffachuuf baatrii (dhagaa) tarree galchinee itti galchinu, seeliiwwan uumama kanaas qaama isaa dheeraa san keessa walirraan tarree galanii argamu. Seeliiwwan akka baatrii jiran kunniinis gogaadhaan haguugamanii jiran. Halluun gogaa isaa gurraacha, magaalaa, parpilii fi magariisa. Garaa jalaan ammoo bifa keelloo fi burtukaanaatti dhihaatu qaba. Ijji isaa xixiqqoo yoo taatu, waa guuttattee hin argitu. Kanaafuu Qurxummiin kun waa adamsuufi diina ofirraa ittisuufis, karantii qaama isaa irraa bahu kana fayyadama. Karantii san bishaan keessa gad dhiisuun naannoo isaa too’ataa deema.

Uumamni kun laggeen biyyoota Ameerikaa kibbaa keessatti argama. Hedduminaanis laggeen Amaazonii fi Orinookoo keessatti argama.  Qurxummiin kun lafa dudubni baay’atu jaalata. Nannoon dhoqqee heddummaatu hedduu mijjaawaaf. Ajaa’ibni uumama kanaa humna anniisaa elektirikii maddisiisuu isaati. Annisaan kun guddaa waan ta’eef ilma namaatis ta’e uumama biraa miidhuu ni danda’a. Walumaa galatti Annisaa maddisiisu kana, soorata ittiin adamsuudhaaf akkasumas, diina ofirraa ittiin ittisuudhaaf fayyadama. Annisaan qurxummiin kun maddisiisu volteejii xiqqaa fi volteejii guddaa qaba. Volteejiin xiqqaan naannoo isaa ittiin toohachuuf yoo ta’u, guddaan ammoo waan nyaatamu yoo argate ittiin ajjeesuuf tajaajila irra oola. Kanaafuu akkuma durarratti dubbanne, qurxummiin kun ijji isaa laaftuu waan taateef yeroo hunda anniisaa maddisiisaa deema jechuudha.

ⓒ News Direct Youtube Channel

 

Qurximmiin kun yeroo dheeraaf bishaan jala lixee turuu hin danda’u. daqiiqaa 10 kudhaniin bishaan gubbatti ol bahee qilleensa fudhataa gad deebi’a. Haa ta’u malee yeroon inni qilleensa fudhachuuf gara gubbaa bahu sakandii muraasa qofa. Haga limsuu ijaa hin guunne keessatti ol bahee gad deebi’a. Yeroo san keessatti Oksijiinii daqiiqaa kudhaniif ta’u qabatee bishaan keessatti gad deebi’a. Subhaanallaah. Kun hundi dandeettii Rabbiiti.

Elektiriik iil uumama kopha kophaa jiraatu (Solitary Animal jedhama). Haa ta’u malee yeroo waa adamsuu barbaadanii fi wanti adamsamu guddaa ta’e ammoo wal waamu. Sababni isaa, Waan san ajjeesuudhaaf humna elektrikii guddaa waan isaan barbaachisuuf, wal gargaaranii anniisaa guddaa facaasanii gamtaan ajjeesu.

Uumamni kun waan adamsu yoo argate saffisaan anniisaa elektiriikaa maddisiisa. Anniisaan elektiriikaa kun waan adamsamu san irratti hundaawa. Yoo wanti adamsamu ilbiisa xiqqaa tahe, Anniisaa xiqqaa maddisiisee ajjeesa. Yoo qurxummiifi bineensota gurguddaa adamsuu fedhe ammo, anniisaa elektriikaa guddaa maddisiisa jechuudha.   Sanyiin uumama kanaa gariin anniisaa ilma namaa ajjeesuu danda’u maddisiisuu danda’a. Hedduminaan uumamni kun Qurxummiilee xixiqqoo fi hoosiftoota xixiqqoo bishaan keessa galan ajjeesee soorata. Ilmooleen xixiqqoon Elektirik iil anniisaa gahaa bineensota biraa ittiin ajjeesan waan hin qabneef, hanqaaquu fi raammolee akkaan xixiqqoo ta’an adamasanii sooratu.

Uumamni hundi sanyii ofii haala gargaraatiin bakka buufata. Gama birootiin seera ittiin jiraatu kan mataa isaa qaba. Wal hormaataaf dhaltuu fi dhiirri wal tuquun isaan biratti barbaachisaa miti. Dhiirri yoo sanyii qopheesse, goojjoo ijaaree dhaltuu afeera. Goojjoo isaa kanas hancufa ofiitiin ijaara. Dhaltuunis goojjoo kana eega seentee booda, hanqaaquu haga 17000 hanqaaqxi. Kana booda dhiirri sanyii isaa hanqaaquu kanarratti dhangalaasa. Hanqaaquu kanniin keessaa hedduun isaa uumama biraatiin nyaattama. Kan hafe ammoo fedha Rabbiitiin hanqaaquu keessaa bahee jireenya haarawa jalqaba.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Barruu tana hagam takka hubattee jirta. Qormaata kanaan of madaali

 

 

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x