header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Qeeyroo Muslimaa Rabbiin maaliif sii uume?

Qeeyroo Muslimaa dhagayi! Rabbiin waan si uumeef beeytaa?

Rabbiin wanni si uumeef guddoon akka isa qofa gabbartuuf, akka isaaf of-kennitee qaamaa qalbiin gabricha isaa qofa taatuufi. Rabbiin ol tahe haala kanaan dubbii tana siif mirkaneeysee jira:

وَما خَلَقتُ الجِنَّ وَالإِنسَ إِلّا لِيَعبُدونِ

“Jinnii fii ilmaan namaa hunda akka na gabbaraniif malee hin uumne”Az-Zaariyaat: 56

Rabbiin wanni si uumeef karaa isaa qajeelaa kijibni isa boodaa fii duraan abadan itti hin makamne, qajeelloo isa biraa tahe akka qabattee milkii duniyaa fii aakhiraa argattuuf sii uume. Rabbiin akkana ja’a:

ï´¿ÙˆÙŽÙ…ÙŽÙ† يَبتَØِ Øَيرَ الإِسلامِ دينًا فَلَن يُقبَلَ مِنهُ وَهُوَ فِي الآخِرَةِ مِنَ الخاسِرينَ﴾ 

“Namni Islaamumma malee amantii biraa barbaadu isarraa hin qeebalamu, ammas inni guyyaa qiyaamaa warra hongoo irraa taha”Al-Imraan: 85

Dhagahi qeeyroo wanni Rabbi si uumeef akka jaalala isaa fii Nabiyyii isaa sallallaahu aleeyhi wasallam qabattee jaalalloo isaa taatuuf, akka isaaf tumsiituuf, akka jaalalloo warra amanee taatuuf si uume. Rabbiin ol tahe akkana ja’a:

إِنَّما وَلِيُّكُمُ اللَّهُ وَرَسولُهُ وَالَّذينَ آمَنُوا الَّذينَ يُقيمونَ الصَّلاةَ وَيُؤتونَ الزَّكاةَ وَهُم راكِعونَ﴾ ï´¿ÙˆÙŽÙ…ÙŽÙ† يَتَوَلَّ اللَّهَ وَرَسولَهُ وَالَّذينَ آمَنوا فَإِنَّ حِزبَ اللَّهِ هُمُ الØالِبونَ 

“Jaalalloon (tumsaan) keeysan Rabbii fii Ergamaa isaati ammas warra amanee salaata guutuu salaatu, kan zakaa kennatu ammas isaan warra Rabbiif gad if qabu. Namni Rabbii fii ergamaa isaa akkasumas warra amane jaalalloo (tumsaa) godhate (isaan warra Rabbiiti), Warri Rabbii dhugumatti isaanuma warri injifatu” Al-Maa’idaa: 55-56

Kaayyoon guddoon Rabbiin si uumeef akka ati dachii tanarratti murtii isaatiin jiraattuu fii isaaf if kennitee nama shari’aa isaatiin bulu taatuufi, akkasuma ilmaan namaa gabrummaa waan biraa jalaa gama Rabbi qofa gabbarutti akka baaftuufi, rakkoo duniyaa fii wallaala keeysaa bal’inaa fii beekkumsatti akka baaftuufi, dukkana doofummaa fii Rabbitti kafarurraa gama amanuu fii Rabbiif if kennutti akka ilmaan namaa baaftuufi, abbaa irrummaa fii miidhaa warra kafaree jalaa haqa Islaamaatti akka nama yaamtuuf uumamte. 

Kaayyoo guddoo Rabbiin si uumeef tana galmaan gahuuf wanni guuttamuu qaban hedduu jira. San keeysaa asaasni jaha:

  1. Iimaana akka gaaraa kan bubbee hundaaf hin sochoone qabaachuu sirraa eeggama.  

Rabbiin ol tahe akkana ja’a: 

﴿إِنَّمَا المُؤمِنونَ الَّذينَ آمَنوا بِاللَّهِ وَرَسولِهِ ثُمَّ لَم يَرتابوا وَجاهَدوا بِأَموالِهِم وَأَنفُسِهِم في سَبيلِ اللَّهِ أُولئِكَ هُمُ الصّادِقونَ﴾

“Warri dhugaan amane warra Rabbii fii Rasuula isaatti amanu eegasii kan hin shakkine, kan qabsoo qabeenyaa fii lubbuu isaaniitiin karaa Rabbii keeysatti godhani, Isaan suni warra dhugaan amane” Al-Hujuraat: 15

  1. Ikhlaasaan dalaguu, Rabbi qofaaf agarsiifannaa malee ibaadaa dalaguutu sirraa eeggama.

Rabbiin ol tahe akki je’e: 

وَما أُمِروا إِلّا لِيَعبُدُوا اللَّهَ مُخلِصينَ لَهُ الدّينَ حُنَفاءَ وَيُقيمُوا الصَّلاةَ وَيُؤتُوا الزَّكاةَ وَذلِكَ دينُ القَيِّمَةِ 

“Isaan akka Rabbi gabbaraniif malee hin ajajamne amantii isa qofaaf qulqulleeysanii karaa haqaa akka qabataniif, akka salaata guutuu salaatanii fii Zakaa kennaniif ajajaman, suni amantii qajeelaa jallina hin qabne“Al-Bayyinaah: 5

  1. Murannoo fii ijjannoo sodaa fii xawalwaalummaa hin qabne qabaachuu sirraa eeggama.

Rabbiin akkana je’e: 

الَّذينَ يُبَلِّØونَ رِسالاتِ اللَّهِ وَيَخشَونَهُ وَلا يَخشَونَ أَحَدًا إِلَّا اللَّهَ  

“Isaannan ergaa (dhaamsa) Rabbii namaan gahanii fii kan Rabbi sodaatan sun nama biraa tokkollee hin sodaatan Allaah malee” Al-Ahzaab: 39

  1. Ibaadaa hifannaa hin qabne, walitti dhaabbataa qabachuutu si jabeeysa. 

Rabbiin ol tahe akkana je’e:

﴿وَقُلِ اعمَلوا فَسَيَرَى اللَّهُ عَمَلَكُم وَرَسولُهُ وَالمُؤمِنونَ وَسَتُرَدّونَ إِلى عالِمِ الØَيبِ وَالشَّهادَةِ فَيُنَبِّئُكُم بِما كُنتُم تَعمَلونَ﴾ 

“Ja’iin (yaa Ergamaa kiyya) waan itti ajajamtan dalagaa Rabbiin dalagaa teeysan ni arga, Rasuulaa fii warri amanes ni arga, ammas gama Rabbii beekaa waan dhukataa tahee fii mul’ataa taheeti deebi’uuf teeysan, waan isin hojjataa turtan isiniif himuuf jiraata” Al-Towbaa: 105

  1. Karaa Rabbiin siif file kanarra jiraachuuf gatii barbaachisu kafaluuf if qopheeysuu qabda. 

Rabbiin ol tahe akkana je’e:

﴿أَم حَسِبتُم أَن تَدخُلُوا الجَنَّةَ وَلَمّا يَأتِكُم مَثَلُ الَّذينَ خَلَوا مِن قَبلِكُم مَسَّتهُمُ البَأساءُ وَالضَّرّاءُ وَزُلزِلوا حَتّى يَقولَ الرَّسولُ وَالَّذينَ آمَنوا مَعَهُ مَتى نَصرُ اللَّهِ أَلا إِنَّ نَصرَ اللَّهِ قَريبٌ﴾

“Sa isin jannata seenuu kajeeltanii osoo fakkaataan warra isin dura dabree isinitti hin dhufin, isaan tuqee jira hiyyummaa fii dhukkubni ammas (waan sodaataniin) girgiraawanii jiran hanga Ergamaa fii warri isaa wajjiin jiru yoomuma tumsa Rabbii ja’an takka gahan, dhugumatti tumsi Rabbii dhihoodha”Al-Baqaraa: 214

 

  1.  Qaphxii kuni murteeysaa fii waan dabre hundatti akka geeysuuf sababaa taha, innis beekkumsa amantii gahaa qabaachu qabda.

Rabbiin ol tahe akki je’e: 

﴿ قُل هَل يَستَوِي الَّذينَ يَعلَمونَ وَالَّذينَ لا يَعلَمونَ إِنَّما يَتَذَكَّرُ أُولُو الأَلبابِ﴾

“Sa warri beekuu fii hin beeyne wal qixxaawaa? (Abadan wal hin qixxaawu) warra sammuu qabuutu gorfama” Az-Zumar: 9

Waan jahan kanaan qeeyroon ykn dargaggoon doofummaarraa gama beekkumsaa, kufrummaarraa gama Rabbii, gabrummaa nama jalaa gama bilisummaa fii Rabbiif of-kennuu dhufuudhaan namas fiduu dandeeysan. Amantiin Islaamaa jalqabaa hanga arraatti tumsi isii qeeyroo isiitiin ture.  Kana hunda booda yaa dargaggoo muslimaa, yaa qeeyroo muslimaa! Ati warra Rabbiin faarse kanarraa tahuu hin feetuu? 

ï´¿ إِنَّهُم فِتيَةٌ آمَنوا بِرَبِّهِم وَزِدناهُم هُدًى﴾ 

“Isaan qeeyroo Rabbii isaanitti amanani, nutilleen qajeelummaa isaaniif daballe” Al-Kahf: 13

Qeeyroo Rabbiin dubbata tanarraa tahuu hin feetuu?

 

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button