header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Qorannoon Yunivarsitii Osloo lakkoofsi lammiilee Noorweey Islaamummaa fudhatanii dabalaa dhufuu mul’ise

Gaazexaan beekamaan biyyattii Verdens Gang jedhamu qorannoo Yunivarsiitii Osloo eeruudhaan akka gabaasetti, waggaa waggaan yoo xiqqaate lammiileen biyyattii 3000 tahan Islaamummaa fudhataa jiran. Lakkofsi lammiilee Noorweey bara 1990moota keessa Islaamummaa fudhataa turan waggatti nannawa nama 500 akka tureefi dhiheenya baroota as dhihoo kana lakkoofsi kun daran kan dabalaa dhufe tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

 

Lammiilleen Noorweey amantaa Islaamaa fudhataa jiran dubartoota warra adii akka tahanii fi hedduun isaanii Islaamummaa yeroo dheeraaf eega qoratanii booda kan fudhatan tahuu gabaasichi ni ibsa. Noorweeyn ummata 5,051,275 kan qabdu yoo tahu, yeroo ammaa lakkofsi muslimoota biyyattii 135,000 ol dhaqqabee jira.

Muslimoota Noorweey2

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button