header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuQissaa

“Rabbiin nama jaalatu qormaata itti baay’isa”

“Rabbiin nama jaalatu qormaata itti baay’isa” himni kun hangam nama qabbaneessa. Hima, rakkoo mudannu mara keessaa akka baanu nu abdachiisu. Fayyaa dhabnuus, hirkoo namaa nurraa jiidus, yaada haqaarrachuu dadhabnus, harki nu qaqallatuus, galma kajeelle hanqannus jechi kun nu waliin jiraata. Dhuguma Rabbiin nama jaalatu qormaata itti baay’isa. Mee seenaa Anbiyootaa dubbisaa. Eenyu caalaa isaantu haala jabaa keessa ture. Ergamtoonni Rabbii rakkoo ulfaattuu hedduu dhamdhaman.

“¢ Nabi Ibraahim(A S) bara dheeraaf ilmoo dhabee ture. Eeganaa ilma arkatuus, ilma isaa akka qalu(gorra’u) ajajame. Garuu Rabbiin Rahmata godheefii ilma isaa qalma irraa oolche. Nabi Ibraahim ummata isaa gaariitti waan afeere qofaaf ibidda guddaa halaalaa nama gubutti darbame. Biyya guutuu firinxiixxe keessaa kophaa isaa haqa irratti ciche.

“¢ Nabi Yuusuf(A S) joollummaan diina horate. Obboleeyyan isaatu itti roorrisee qa’ee baasanii eelatti darban. Eeganaa akka gabraa tahee nama hin beynetti gurguramee biyyaa baafame. Maatii isaatin bara dheeraa wal hin garre. Bifa/bareedina addaa qabuunis qormaatamee ture. Yeroo hedduu badii(Zinaa)tti afeerame. Sanuu intaloo bareedinaafi sadarkaa qabduun kadhatame. Waan badii dalaguu dide qofaaf amata 7 hidhamee mana hidhaatti dabarse.

“¢ Nabi Suleymaan(A S) akkuma abbaa isaa Nabi Daawuuditti aangoon qormaatame. Aangoon inni qabu adda. Afaan bineensotaa beeka. Qilleensaafi Jinniis ajajee waan barbaadu godhata. Xiqqo malee uumamni lafarra jiru hundi akka waan isaan buluuti. Qananii akkasii keessa jiraachuun dhugatti qormaata guddaadha. Namni beelawee hin beekin hiyyeessaaf gadduun jabduudha.

“¢ Muusaan(A S) abbaa irreetti qabsaawe. Nama Rabbummaa himataa ture Fir’ownatti lallabaa ture. Ummata Yahuudaa gabrummaa aadeeffatee fi mataa jabaatu dura bu’ee qabsoo hadhoytuurra ture. Osoo hin ergamin dura akka tasaa tahee harka isaatti lubbuun nama tokkoo dabarte. Sababa saniif biyyaa bahee amata 10f jireenya baqattummaa keessa ture.

“¢ Nabi Ayyuub(A S) dhukkubaan qormaatame. Dhukkuba isa qabate laalee namuu irraa baqate. Haadha manaa qofaatu biratti hafe. Amata 17 ol namarraa fageeffamee wal’aanamaa ture. “Dhukkuba nutti dabarsa” jechuun namuu isa dheesse. Keessi isaa ni laalata, ol ka’ee humaa godhachuu hanqate. Haadha manaatu isa sooraa ture.

“¢ Rakkoon Ambiyoonni keessa turan hedduudha. Yaadachiisumaaf hangana kaafne. Fakkeenyaaf Nabi Nuuh(A S) amata 950 ol karaa Rabbii irratti ummata yaamee isa dhagahuu didan. Ilmi isaatis ummata Kafare waliin dhaabbatee kasaaree garaa isa raase. Nabi Iisaan(A S) haadha isaatii waliin arraba fokkuu gurri nama dhagahuu ulfaatuun arrabfaman. Nabi Luux(A S) ummata badaa lafti tun ba’attee turtetti ergame. Haati mana isaatis jalloodha, jara Kafare waliin dhaabbattee lafa itti dhiphisaa turte. Ambiyoota karaa Rabbii irratti nama yaamanii humaa nama isaan dhugoomsu takkallee dhabantu jira. Ambiyoota garii ummanni wallaalaan itti bahanii cafaqan. Inuu Nabi Yahyaafi Zakariyyaan(A S) ummata Israa’iliin ajjeefaman ja’ama.

“¢ Nabi Muhammadis(SAW) hedduu qormaatame. Rakkoo ergamtoonni isa duraa dhamdhaman keessaa ta inni hin dhamdhamin muraasa. Yataamaa tahee dhalate, akkuma dhalateenuu abbaa hin qabu. Namni isa eegaa(guddisaa) ture hedduun ni du’an. Joollummaatti hirkoo hedduu dhabe. Faaximaa malee ilmaan Inni hore 6tu dhumee osoo jiruu awwaale. Eega amata 40 guutee Rabbiin ergeehis jabo dararfame. Ummata dukkuna wallaalummaa hamtuu keessa jirutti waa himaa ture. “Kijibaa” ja’ame. Diinni itti qoosee, namarratti xiqqeessaa ture. Warra isa hordofee Islaamawe dirretti baasanii ajjeesan. Deeggartoota Isaa kaan gubanii, kaan qaama ciranii akka malee adaban. “Warra Nabii irraa hin fuudhinaa, ittiis hin kenninaa” jattee Qureyshiin awaajje. Ilmaan isaa hiikanii manatti deebisaniif. Warri isaa waliin hariiroo qaban danuun ni ganan. Ukkaamamee akka taa’u, akka gandaa hin baane godhan. Sababa isaatti, maatiin isaa ugguramee beelawe. Booda roorroo Qureyshii jalaa baqachuu murteessee biyya itti dhalate Makkaa irraa baafame. Xaa’if gaafa dhaqu maraataafi joollee itti diranii dhagaan cafaqaa arihan. Summii nyaachifame, yeroo hedduu ajjeesuuf yaalan. Yeroo dheertuuf beelawee ture. Yeroo dheertuufis dhukkubsatee beeka. Lola waraanaa itti bananii nama jaalatu hedduu dhabsiisan. Diinni bifa adda addaa qabu isatti tokkoomanii balleessuuf itti dhufan. Akkasumaa waliin garuu Nabiyyii Rahmataa waan taheef “yaa Rabbi ummata kiyya naaf dhiisi, karaa keetirra isaan kaayi” ja’ee kadhataa ture.

Silaa Musiibaa isaanitti buuteef warri Rabbi komatuu qabu ergamtoota Rabbiiti. Nurra isaantu akkaan Rabbitti dhihaata. Akkasumaa waliin ammoo balaa gurguddoo dhandhamanii turan. Hifatanii haqarraa hin fagaanne, rakkoo isaan qunnamteef Rabbi galateeffataa turan. Obsa Rabbiin jaalate, ejjannoo seenaan galmeessiteen rakkoo hiikkatan. Ambiyoonni hundi warra obsaati, obsanii warrooman. Kanaaf Rabbiin kadhaa isaanii Qeebalee, hunda isaanii milkeesse.

Namni gariin gaafa rakkate, akka waan Rabbiin isatti dallanee seha, yaadni kun dogongora. “Rabbiin nama jaalatu qormaata itti baay’isa”. Rakkoo si qunnamteef obsi, akka gaaraatti gad dhaabbadhuu waan sirra jiru dandahi. Nama rakkoon daran Rabbitti dhiheessite tahi. Rabbii kee abdadhu. Warra isa abdate Rabbiin hin salphisu! Injifachiisee milkeessa.

One Comment

  1. Asalamoleykum worahmatulahi wobrakatu masha allha baa. Ye qalbii nama jisa rabbin sabiri nufahakenu jazaakumullahu keyran

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button