header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Raammoo Bifa Roobaatiin Samii Harca’e

Rooba Addaa

Roobni rahmata. Rabbiin guddaan rooba nuuf roobee waa biqilche. Kan biqiles ilmi namaatii fi uumamaaleen biraa irraa fayyadamu. Gama biraatiin roobni laga ta’ee yaa’a. Bishaan yaa’es jallifnee itti fayyadamna. Yoo barbaanne dhugnee yoo haajamnes huccuun miicanna. Haa ta’u malee yeroo tokko tokko roobni yeroon bifa biraa qabatee dhufus ni jira. Osoo hin yaadin roobni hamaan roobee, lolaan dhangala’ee qabeenyaa fi lubbuu balleessuu danda’a. Akkuma seenaarraa hubatuu dandeenyutti ummanni Nabiyyallaah Nuuh (AS), rooba torbaan tokkoof roobeen dachiirraa dhabamsiifamuu quba qabna. Haa ta’u malee bishaan roobaa aadatti nuti beeknu Kanaan ala, roobni bifa biraa jiraatuu hoo quba qabduu?

 

Rooba Raammoo

Guyyaa tokko osoo karaarra deemutti jirtan akka tasaa raammoon heddu samii gubbaa harca’uu osoo eegalee akkam taatu laata? Warri metroolojii fi qorattoonni biyya Noorweey gaafa tokko raammoo samii roobu arganii hedduu ajaa’ibsiifatan. Barsiisaan baayolijii tokko osoo gaarreen Noorweey kan cabbiin guutaman irra deddeemaa jiruu raammoo samii harca’e kanniin argee Hedduu rifate. Mudannoon kun yeroo sanitti gaazexaa biyyattii hedduun gabaafamaa ture. Biyya Norweey keessatti keessattuu kibba biyyattii keessatti mudannoon kun irra deddeebiidhaan mul’ateera. Ameerikaa Kutaa Luwiiziyaanaa keessattis bara 2007 raammoon samii harca’ee jira. Bara 2011ttis taateen kun biyya Iskootlaand keessattis mudateera. Akka qorattoonni tilmaamanitti, Obomboleettiin hamaan raammolee heddu lafaarraa fuudhee eega samii keessa ol fageessee booda, Raammoleen sunniin deebi’anii akka roobaatti harca’uu hin oolan jedhamee tilmaamama. Garuu dhugaa jirtu Rabbumatu beeka.

 

Rooba Qurxummii

Qurxummiin gurguddaan samii gubbaa bu’e yaadni jedhu waan hedduu nama ajaa’ibuudha. Warra bahara dhaqee qurxummii kiyyeessuuf tarii inni kun oduu dansaadha. Namni qurxummii kiyyeessu osoo laga bu’ee hin ifaajin quruxummii karaarraa guuratuu danda’a. Garuu qurxummiin bishaan keessa jiraatu sanuu inni bishaan keessaa yoo bahe du’u akkamitti samii gubbaa bahee achirraa harca’e kan jedhu gaafii nama hundaati. Mudannoon kun irra deddeebiidhaan kan mudate yoo ta’u, sababni isaa ammoo salphaadha. Obomboleettiin guddaan bishaan irratti mudatu bishaanii fi qurxummiilee bishaan gubbatti dhihaatanii daakan fuudhee gara samii dabarsa. San booda qurxummiileen kunniin duumeessa gubbaa san jiruun qabamu. Dumeessi sunis dorrobee wayta roobu qurxummiilee fii bishaan walitti qabee roobsa.

 

Rooba Daarabaaftuu ykn Aaroo

Kun waan nama sodaachisu fakkaata. Uumamaalee dachii tanarra jiranii fi sodaataman keessaa daarabaaftuun isa tokko. Isa bantii mana keenyaa gubbatti mana ijaaratee nu wajji jiraatuu ni sodaanna. Namni Aaroo ykn Saaphaphuu xiqqoo mana keessatti argu sodaatu, Daarabaaftuun samii gubbaa harca’utti jirti yoo jedhaniin akkamitti hin sodaanne ree? Mudannoon kun waan baramaadha. Sanyiileen Daarabaaftuu tokko tokko mukkeen dhedheeroo gubbatti mana ijaaratu. Keessattuu tibba wal hormaataatti aansee ilmooleen hedduun mukkeen dhedheeroo gubbaa bahuudhaan mana ijaaratu. Muka tokkorraa muka biraatti haada isaanii diriirsuudhaan mana wal xaxaa hedduu ijaaran. San booda mana addaa kan akka Paaraashuutitti isaan tajaajilus irratti tolfatu. Eega waan kana hunda raawwatanii booda bakkuma san taa’anii bubbee eegu. Sababni bubbee eeganiif ammoo, akka bubbeen dhufee achirraa isaan fuudhee gara biraa isaan geessuufi. Haala Kanaan bubbeen humna jabaa qabu daarabaaftuuwwan kumaatamaan lakkaawaman fuudhee bakka biraa geessa. Haalli kun Awustraaliyaa keessatti irra deddeebiidhaan mudata. Bubbeen guddaan daarabaaftuuwwan kumaatamaan lakkaawaman fuudhee gama naannoo biroo geessa. Achi booda aaroon heddu akka rooba samii bu’uutti samii gubbaa gad harca’uu eegalu. Namni tasa yeroo kanatti naannoo biroo irraa gamas imale, daarabaaftuu roobaa jira jedhee baqatuun isaa waan hin oolamne. Ummanni naannoo sanii garuu waan kana baratee jira.

 

Rooba Muduraa

Mee naannoo keessanitti akka tasaa; Appilii, Burtukaanaa fi Muduraalee biroo osoo roobe akkam taatu? Ni gammaddu moo ni rifattu? Muduraa karaa salphaan argachuun keenya nu gammachiisus;  nu rifachiisuun isaallee hin oolamu. Biyya Ingliiz magaalaa xiqqoo Kondon jedhamtu keessatti bara 2011 Appiliin samii roobee makiinaa karaa deemuu dhoorkee ture. Namni muduraa jabaa Kanaan dhahamee miidhame jiraachus baatu, makiinaawwan heddu sababa Kanaan miidhamaniiru. Akkuma rooba amma dura ilaallee Muduraan kunis obomboleettii hamaan ooyruu irraa guuramee gara samii bahuu isaattu himama. Guyyaa muraasaaf muduraaleen kunniin duumessa gubbaa eega turanii booda, magaalaa Kondon irratti gad harca’an. Haala Kanaan guyyaa san magaalaa Kondon keessatti Rooba Applii roobee addunyaa ajaa’ibsiise.

 

Rooba Magariisa

Roobni nuti beeknu bifa hin qabu. Bishaan bifa maleessaatu samii bu’a. Haa ta’u malee osoo karaa irra deemtan osoo roobni magariisni isinirra bu’ee akkam taatu laata? Roobni Magariisni yeroo hedduu Keemikaalaa fi wantoota Niwkularaan wal qabatan irraa ka’ee akka roobuu danda’u himama. Bara 2002 Indiyaa Magaalaa Kolkaataa keessatti roobni Magariisni roobnaan jiraattonni sodaa hamaadhaan weeraraman. Namni hedduunis dheessee eega manatti galeen booda bahuu sodaatee ture. Dhugaa qaba! Wanti kun sababa Keemikaalaa fi Niwkularaatiin mudatuu danda’a jedhamee eega itti himamee sodaan isaa sodaa sababaa qabduudha. Haa ta’u malee qorannoon rooba sanirratti godhame, Roobni kun keemikaala tokkollee akka of keessaa hin qabne mirkaneesseera. Akka qorattoonni jedhanitti, Roobni magariisni kun sababa daraaraa ililliitiin mudate. Naannoon sun ililliiwwan hedduu kan qabu yoo ta’u, ililliin heddu obomboleettiin butamee eega gama samii bahee booda magariisa ta’ee gad deebi’e. Roobni kun Raashiyaa keessattis mudateera.

 

Rooba diimaa

Roobni bifa diimaa qabu tarii dhiigaan waan wal qabsiifamuuf namni sodaachuun isaa hin oolamu. Bara 1957tti Indiyaa kutaan Keraalaa jedhamu rooba bifa diimaa qabutu irratti dhangala’e. Namni rifaatuudhaan fiffiigee jalaa baqatuu danda’us, namni irra bu’e hedduun sodaateera. Mootummaanis qorannoo jabaa eega godheen booda ummataaf deebii kenneera. Tilmaamni jalqabaa roobni kun caccabaa qaamota hawaa kana keessa jiran irraa ka’ee kan dhufe ta’uu mala kan jedhu ture. Haa ta’u malee qorannoo gad fageenyaan godhameen, Sababaan rooba kanaa qaama uumama Algee jedhamuu akka ta’e beekkame. Namnis san booda sodaarraa bilisa ta’uu danda’e. Roobni akkanaa kun san booda naannawa sanitti irra deddeebiidhaan roobaa akka tures beekkameera.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button