header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ruusiyaan humni qilleensa Suuriyaa dogongoraan Xiyyaara isii rukutuu beeksifte

Mootummaan Ruusiyaa ibsa baaseen, humni qilleensa Suuriyaa halellaa Xiyyaaronni Isra’eel raawwaataa turan osoo qolataa jiru, dogongoraan Xiyyaara waraana keennaa rukute jechuun beeksise. Ministeerri Ittisa Ruusiyaa, “Paayileetiin Xiyyaara Israa’el Suuriyaa keessatti haleellaa raawwataa ture, Xiyyaara keenna dawoo godhachuu isaatiin balaan kun uumame”jechuun ibse. Kanuma hordofuun ministeerri haajaa alaa Ruusiyaa Ambaasaddara Israa’el Mooskotti argamu dhimmicha irratti ibsa akka kennuuf yaamee jira.

 

Ministeerri Ittisa israa’el gama isaatiin, Xiyyaaronni isaa Suuriyaa keessatti haleellaa raawwachuu amanuun, rukutamuun Xiyyaara Ruusiyaa kan isa gaddisiise tahuu ibse. Haa ta’u malee balaa uumameeef kan itti gaafatamu mootummaa Suuriyaati malee Israa’elii miti jedhe. Xiyyaarri Ruusiyaa rukutame kun qondaaltota waraanaa 15 fe’atee kan imalaa ture tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button