OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sheikh Muhammadsuruur Haaj Bashiir gara ganda aakhiraa godaanan

Innaa Lillaahi Wa Innaa Ileeyhi Raaji’uun

Aalimni biyya keennaa Sheikh Muhammadsuruur Haaj Bashiir Godina Arsii aanaa Roobee Ganda Adamtuu keessatti yeroo dheeraaf ilmii barsiisaa turan. Shekhonni akka Sheikh Shaafii Umar Baalee, Sheikh Suulxaan Ayshuu, Sheikh Abdurrahmaan Bulchaanaa dabalatee, Ulamaan gurguddoon heddu isaan irraa kan baratan tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

 

Sheikh Muhammadsuruur Haaj Bashiir tasa dhukkubsatanii Alhada har’aa gara ganda aakhiraatti kan godaanan yoo tahan, akka odeeyfannoo nu dhaqqabeetti sirni awwaalchaa guyyaa boruu magaalaa Adaamaatti gaggeeffama. Sheikh Muhammadsuruur abbaa ilmaan 18 akka turanis odeeyfannoon ni ibsa.
Sheikha keenna Rabbiin qubsuma isaanii Jannatul Firdowsiin haa taasisu; Maatii, Firoottanii fi hawaasa Muslimaa isaan dhabe maraaf Rabbiin sabrii akka kennu ni kadhanna!

 

Show More

11 Comments

  1. Gara laafaa namaa
    nabiyyii rahmataa…
    Ibsaa jiruu tiyyaa
    booddee anbiyootaa..
    Habiibii musxafaa
    abbaa feete caaltaa..
    Sallallaahu aleeyka
    yaa lenjisaa gootaa..
    Nama meeqaatu 《ﷺ》jedhe..
    Share naaf godha laata ?

    Yaa rasuula rabbii
    Ergamaa rahmataa
    namni qalbiin fayyaa
    hunduu si jaallata
    salawaata buusu
    maalif irranfataa?
    Qalbin kiyya yoomuu
    Bar isiin yaadata
    💖ﷺ💖ﷺ💖ﷺ💖 Rabbin kaan janaataa haa godhuu inshaallaah

  2. Hunda dura As wr wb jechaa
    Ulamaan dhumaa jirtii Rabbi nuuf haa tiksu,keessumaa bara kana ani sodaadhee jira ulamaan dhumtee hansaraan walitti hafe shamnee ajooynee bannaa ifirraa sodaadhe,rabbi qiyaamaa nurratti hin dhaabin,rabbi nama ulamaa dhaalurraa nu haa taasisu jechaa ,
    waa’ee majlisa oromia kan finfinnee sana gadi jabeessaa miidiyoota islaamaa jiranii fi miidiyaa oromoon qabdu kamiinuu akka gargaaramu nuuf lallabaa jedha.
    galatoomaa

  3. inna lillahi wa inah ilahi Raji’uun Yaa ulma’ota kenya Rabbin jennatan isiin ha qananisuu

...

Back to top button