header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Shirkiin Zulmiidha!

Haqni Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota irraa qabu, isa qofa gabbaruudha. Mu’aaz ibn Jabal akka gabaasetti Rasuulli ((SAW)) akkana jechuun isa gaafatan:

“”” أَتَدْرِي مَا حَقُّ اللَّهِ عَلَى الْعِبَادِ “”” “.” قُلْتُ اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ “.” قَالَ “”” فَإِنَّ حَقَّهُ عَلَيْهِمْ أَنْ يَعْبُدُوهُ وَلاَ يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا “””
“Haqni Rabbiin gabroota irraa qabu maal akka ta’e beektaa?”Anis ni jedhe, “Rabbii fi Ergamaan Isaa ni beeku.”Rasuullis ni jedhe: Dhugumatti haqni Inni isaan irraa qabu: “osoo homaa isatti hin qindeessin isa gabbaruudha.” Jaami’u Tirmizii-2643, Sahiih Muslim 30

Rabbiin Qur’aana keessatti gorsa Luqmaan ilma isaati dhaame akkanatti nuuf ibse:
وَإِذْ قَالَ لُقْمَانُ لِابْنِهِ وَهُوَ يَعِظُهُ يَا بُنَيَّ لَا تُشْرِكْ بِاللَّهِ ۖ إِنَّ الشِّرْكَ لَظُلْمٌ عَظِيمٌ (13)

“Yommuu Luqmaan ilma isaatiin osoo isa gorsuu: “Yaa ilma kiyya! Rabbitti waa hin qindeessin. Dhugumatti shirkiin zulmii guddaadha.”jedhe [yaadadhu].” Suuratu Luqmaan 31:13

Kanaafu, namni shirkii hojjatu haqa Rabbii hir’isee jiraa jechuudha. Sababa kanaan, inni zaalima ta’a.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button