header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Salaata

TAYAMMUMA

Bakka bishaan hin jirretti TAYAMMUMA goonee akka Salaatnu ajajamnee jirra. Tayammumni bakka Wudu’aa bu’a. Biyyee qulqulluu laallee, shanacha lamaan irra keenyee fuulaafi harka dibachuutu Tayammuma. Yoo bishaan dhabame, Tayammumni dhiqata Janaabdaafi kan birootillee bakka bu’uu dandaha. Tayammumaan wal qabatee gaafii namni hedduun kaasuutu jira. Sunis..

● Gidaara(dhaaba manaa) irraa Tayammuma godhuun ni dandahamaa?

“¢Deebisaan:- ‘Eeyyee ni dandahama’. Ergamaan Rabbii Muhammaduu(SAW) Gidaara irraa godhatee jira. Garuu Gidaara mukaa ykn sibiilaa irraa godhuun hin dandahamu. Mukaafi sibiilli gosa biyyeetii miti. Sunummaanuu yoo biyyeen irra jiraatte ykn dhukkee qabaate akka waan hayyamamuuti.

● Dhagaa irraa Tayammuma godhuun hoo ni dandahamaa?

“¢Deebisaan:- Eeyyee ni dandahama. Dhagaan gosa biyyeeti. Osoo biyyeen ykn dhukkeen irra jiraachuu baatteehis dhagaa Tayammuma irraa godhachuun ni dandahama. Ammoo Tayammumni gaariin akkuma dura ibsine biyyee bareedduu laalanii, sanirraa godhachuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button