header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Saayinsiif Teknoolojii

Toyotan Bara 2022 Konkolaataa Ajaa’ibaa hojjachuuf deema jedhe.

Makiinaan socho’uudhaaf gaaza barbaada. yeroo dhihoo asitti ammoo, makiinaawwan humna elektriikaatiin hojjatanis oomishamutti jiru. garuu rakkoon makiinaa elektriikaa baatrii isaati. Baatriin Makiinaa Elektriikaa Deep Cycle Battery jedhama. Baatrii chaarjii qusatu jechu afaan namaa galuun. garuu baatriin kun rakkoo tokko qaba. yoo chaarjii fixate guutuudhaaf hedduu tura. osoo makiinaa elektriikaan deemu kana qabaattanii karatti chaarjiin isinirraa dhumee ammoo, bakki itti chaarji godhan akka laayyotti hin argamu. kanaafuu chaarjii humna guddaa qabu ka sa’aa dheeraa turuufi, ka dafee chaarjii guututu barbaachisa. makiinaan elektriikaa ka yeroo ammaa oomishamee magaalaarra jiru, yeroo tokko chaarjii guutachuudhaaf sa’aa tokkoo ol turuu danda’a. baatriin Toyotan hojjachutti jiru kun Solid State Battery jedhama. daqiiqaa muraasa keessatti chaarjii kan guuttatu hogguu tahu, sa’aa dheeraas turuu akka dandahu tilmaamama. yoo karoorri Toyota kun milkaawe, Konkolaataan gaazaan deemu faaydaa dhabuu dandaha shakkii jedhutu jira. mee wajjuma arguuf deemna. yoo Rabbiin umrii nu kaaye.

Namni gariin mataa Makiinaa Soolaarii godhee humna Aduutiin chaarjii godhata. garuu kunis faaydaa guddaa hin qabu. biyyoota heddutti Aduun mataa gubbaa osoo hin taane, gama cinaatti dabdi. kaafuu Paanaaloonni soolaarii mataa gubbaa jiran ifa aduu gahaa hin argatan. gama birootiin duumessaafi hurriinis rakkoo birooti. yoo baatriin jabaan chaarjii yeroo dheeraa tursiisuufi, yeroo gabaabduu keessatti chaarjii guuttatu hojjatame malee, makiinaa gaazaan deemu irraa bahuun abjuu tahuutu mala.

                                           

Buufata humna elektriikaa itti waraabbatan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button