header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
FayyaaSaayinsiif Teknoolojii

Koroonaa-vaayras irraa hubannoof

 Akkuma beekkamu, dhukkubni Koroonaa-vaayras jalqaba biyya Chaaynaatti mul’ate. Tohannoo mootummaa Chaaynaa ala tahuun biyyoota Addunyaaw 60 ol gahuun isaa ifa. Hanga ammaattis namoota 3,252 guutuu Addunyaa irraa lubbuu galaafatee jira. Namoota 95,141 oltu dhukkuba kanaan qabamee jiruu jibbe. Dhukkubni kun saffisa nama sodaachisuun fiigutti jira.Hanga ammaatti dawaa amansiisaa dhukkuba kana wal’aanu ogeeyyoonni fayyaa hin arkanne. Doktoroonni hedduun talaallii dhukkuba kana namarraa ittisu oomishuuf tattaaffii jabdutti jiran.

● Dhukkubni hamaan lubbuu namoota hedduu galaafate kun ardii Afriikkaa, biyyoota 6 keessaatti muldhate jira. Isaanis Masr,Tuunisiyaa,Aljeeriyaa, Naayijeeriyaa, Seeneegaalii fi Morookoodha.

Akkamitti dhukkuba kana firraa eeguu dandeenya?

“¢ Nama dhukkuba kanaan qabametti if-eeggannoo malee dhihaatuu hin qabnu. Keessattuu harkaan tuquu irraa if-eegaa. Hafuura kallattiin nama san irraa bahutti siqanii harganuunis hin barbaachisu.
“¢ Deddeebisnee harka dhiqachuu qabna. Afaanii fi funyaan keenyaas bishaanin qulqulleessuu (afaan keenyaan Wudu’achuu dha).
“¢ Mandiilaan funyaan fi afaan haguuggachuu qabna(shamarran Niqaaba uffatan dhukkuba heddurraa baraaramaa akka jiran asirraa barra).
“¢ Bineensootatti dhihaachuu xiqqeessuu. Keessattuu bineensoota lafarra loohan harkaan qaqqabachuu hin qabnu. Dhukkuba kanarraa baraaramuuf Booyyee fi Karkarroonis bineensota nyaachuufi itti dhihaachuu hin qabne keessaahi(Muslimni duraanuu bineensota kanniinitti hin haajamu).

Dhukkubni kun mallattoo ni qabaa?

Mallattoon isaa maali? Mallattooleen Koroonaa-vaayras..

“¢ Dhukkubbii mataa fi dadhabbii nafaa jabaa.
“¢ Baay’inaan furriin namarraa yaa’uu.
“¢ Oowwi qaama namaa 38 tti ol guddatuu.
“¢ Qufaa hamaa
“¢ Hafuurri namatti ciccituu(Hafuura baasanii galchuuf rakkachuu).
“¢ Humna qaamaa mara irratti dadhabbii dhagahuu.

Yaa Rabbi ummata keenyaafi dhukkuba kana adda fageessi.

NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa

18 Comments

  1. As wr wb isuniin jechaa Nuuralhudan heddu natti tole Ani akka kiyyaati waa heddu irra baradhe heddu galatoma isiniin jechuun barbaada Rabbin isin hasgargaaru isniin jedha.

  2. Duraan durse Assalaamu’aleykum warahamatullahi wabarakatuhu ani akka nama tokkotti Nural huda kanarra waan baayyen baradhe galatooma sinin jechuu barbaada!!!!!!!!!!!!!!!!

  3. As mk wb yaanikoo biyya suudani keessa waanan jiruuf sodaaguddaa waanqabuuf dhukuba haaraakana biyyi kin
    1 ofeegannoohin qabu gonkumaa
    2 hojjaan nutti cufame
    3 galuuf mootummaan karaa nutticufe
    rabbiilubbun kiyya harkaasaajirtuunan kakadha
    rakoocimaan nuqabeeraa
    maalnuuwoyya

  4. As wr wb jirtuu warri nuuralhudaa haalli qophii keessanii gaariidha filmi islaamaa fi waan barnoota tahu kan akka dr zakir faa nuuf maxxansaa.

  5. as wr wb akkam jirtu qophessitota nuural huda hundaf nagenyii raabbii bakka jirtaniti isin haa gahu jecha mee wa’ee dhukkuubaa kooronna vayirus covid19 kana ammantin muslimaa maal jetii gorsa akkami kenii. as wr wb.

  6. as wr wb akkam jirtu qophessitota nuural huda hundaf nagenyii raabbii bakka jirtaniti isin haa gahu jecha mee wa’ee dhukkuubaa kooronna vayirus covid19 kana ammantin muslimaa maal jetii gorsa akkami kenii. as wr wb.

  7. Assala mualeykum warahmatullaahi wabarakaatuh Akkam nagaya naaf qabdani baga rabbiin nagaya yero kanaan isin gahe ammalle haftee umri teessani keessa rabbiin baraka isiniif haa taasisu milkii biyya lachuu isiniin haa fedhu Aduniya irratti jiruu gaari Akiratti jannattul firdoosi isiniif haa taasisu Ani Gaafin qaba gaafin kiyya akka asii adii kanatti dhiyaata Na qufaasisa furrii na keessa yaasa garu dadhabbii inuma qabu duuba re kiyya kun karona vareysii jedha? Barakallahu fiikum
    Amma amma akki na tufsiisa garu

  8. Assala mualeykum warahmatullaahi wabarakaatuh Akkam nagaya naaf qabdani baga rabbiin nagaya yero kanaan isin gahe ammalle haftee umri teessani keessa rabbiin baraka isiniif haa taasisu milkii biyya lachuu isiniin haa fedhu Aduniya irratti jiruu gaari Akiratti jannattul firdoosi isiniif haa taasisu Ani Gaafin qaba gaafin kiyya akka asii adii kanatti dhiyaata Na qufaasisa furrii na keessa yaasa garu dadhabbii inuma qabu duuba re kiyya kun karona vareysii jedha? Barakallahu fiikum

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button