header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooSaayinsiif Teknoolojii

Appilikeeshiiniin Telegram biyyoota addunyaa heddu keessatti dhaabbatee akka ture beekame

Appilikeeshiiniin Telegram ganama har’aa irraa jalqabee biyyoota addunyaa heddu keessatti dhaabbatee akka ture dhaabbatichi beeksise. Dhaabbatichi gama Twitteriitiin akka ibsetti, humni elektrikii naannawa Amasterdaamitti addaan cituu isaatiin walqabatee, Applikashiinii Telegram irrattis rakkoon teknikaa kan uumame tahuu beeksise. Kanuma hordofuun biyyootaAwurooppaa, Ruusiyaa, Afrikaa fi Baha jiddu galeessaa keessatti hojjataa kan hin jirree tahuu dhaabbatichi hime.

Dhaabbatichi ibsa isaa kanaan, rakkoo uumame furaadhaaf kan hojjataa jiru tahuu ibsuun, fayyadamtoonni Appilikeeshiinii Telegram obsaan akka eegan gaafate. Hanga yeroo gabaasa kana itti qindeessineetti Appilikeeshinichi naannawa addaan citee ture tokko tokkotti kan deebi’e tahuun beekameera.

6 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button