header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Walitti Bu’iinsa Godina Sidaamaa keessatti ka’een lubbuun nama galaafatamuu gabaafame

Naannoo kibbaatti gaaffii ummanni godina Sidaamaa naannoo tahuuf kaaseen wal qabatee, Kamiisa dheengaddaa irra kaasee magaalota fi gandoota baadiyaa godinicha keessatti jeequmsi kan ka’e tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Jeequmsa kana hordofuun walitti bu’iinsa ummataa fi humna mootummaa jiddutti uumameen lubbuun nama 21 galaafatamuu , namonnni hedduun ammoo miidhamuu fi qabeenyis barbadaa’u gabaafame.

Ka’umsi walitti bu’iinsa kanaa, hiriira Kamiisa dabre dargaggoonni Saba Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti gaaffiin ummatni Sidaamaa waggaa dheeraaf gaafachaa jiru hatattamaan akka deebisaa argatu jechuun jalqaban yoo tahu, hiriirri wal fakkaatu Magaalota fi gandoota baadiyaa godinichaa keessatti kan itti fufe tahuus odeeyfannoon ni addeessa.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hawaasa Obbo Sukkaaree Shoodaa akka himetti, walitti bu’iinsa humna nageenyaa fi dargaggoota magaalichaa jiddutti kamisa dabre uumameen namni afur ajjeeffamuu fi namoonni 7 madahuu hime. Dabalataanis namoonni 150 jeequmsa kana kaasuun shakkamanii too’annaa jala oolfamuu fi yeroo ammaatti magaalattiin haala tasgabbaa’aa keessa jiraatuu ibse.
Magaalota jeequmsi keessatti ka’e jidduu Hawaasaa, Hagarasalaam, Aalataa Wondoo,Yirgaalam, Lakuu fi kanneen biroo keessatti argamu.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button