header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Walitti Bu’iinsa Magaalaa Mooyyaalee keessatti ka’een namni 2 ajjeefame.

Sabtii har’aa Asrii booda naannaawa sa’aa 11:00 magaalaa Mooyyalee ganda 02 kan Boolee jedhamuun beekamu keessatti walitti bu’iinsa uumameen, dhalattoonni Oromoo 3 rasaasaan kan dhahaman yoo tahu, namni 2 battalumatti du’ee tokko ammoo madaayuun beekame.

 

Ka’umsi walitti bu’iinsa kanaa dhalattoonni naannoo 5 iddoo waajjira isaanii kan duraaniitti alaabaa isaanii dhaabuuf yeroo yaalanitti, dargaggoonni naannoo Oromiyaa dura dhaabbatan. Kanuma hordofuun waraanni makkalaakayaa dhalattoota Oromoo lama ajjeesee tokko ammoo kan madeesse tahuu jiraataan magaalaa Mooyyalee irraa bilbilaan dubbisne nuuf hime. Namoota ajjeefaman jidduu tokko dhalataa Madda Waalabuu nama maqaan isaa Muusaa jedhamu tahuun beekameera.

 

Namni bilbilaan dubbisne kun akka nuuf himetti; yeroo ammaa dhukaasni kan dhaabbate tahus, ummanni magaalattii sodaa guddaa keessa jiraatuu fi sochiin daldalaa hundi dhaabbatee magaalaan guutuun too’annaa waraanaa jala jiraachuu nuuf hime.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button