header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Makkalaakayaa Lixa Oromiyaa keessatti ajjeechaa fi dararaa ummata irratti raawwatu itti fufee jira

Shawaa Lixaa magaalaa Gincii keessatti halkan edaa dargaggoo Abdii Toleeraa jedhamu mana isaa keessaa fuudhuun ajjeessanii daandii irratti kan darban tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Ganama har’aatis jiraattonni magaalattii kan reebamanii fi hedduun isaanii mana hidhaatti kan darbaman tahuun beekame.

Magaalaa Amboo keessattis halkan edaa namni tokko kan ajjeefame yoo tahu, barattoonni Oromoo Yunivarsiitii Amboo baratan torba magaalaa keessatti mana kireeffatan jiraataa turan waraana makkalaakayaatiin ukkaamfamuun achi buuteen isaanii hin beekkamne.

Haaluma walfakkaatuun Godina wallaggaa Lixaa magaalaa Gimbii keessatti waraanni Makkalaakayaa ganama har’aa naannoo buufata konkolaataa magaalichaatti namoota nagayaa irratti dhukaasa baneen namoota sadi rukutuun lubbuun nama tokkoo battalumatti kan dabrite tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

Gama biraatiin ammoo mormiin ummataa magaalota Oromiyaa hedduu keessatti babal’ataa kan jiru tahuun beekameera

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button