header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Prezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Juneeydii Saaddoo sagantaa Araaraa fi Tokkummaa mana jireenyaa isaatti qopheesse

Obbo Juneeydii Saaddoo yeroo Ministeera Sivil Sarviisi fi Bulchiinsa Gaarii ture, gaaffii mirga amantaa hawaasni muslimaa kaase hordofuun rakkoolee uumamaniin walqabatee ummanni komii irratti dhiyeessaa turuun ni yaadatama. Amma dhiheenya kana biyya alaa irraa eega galee immoo mufii hawaasaa keessa ture dhiifama gaafatuuf, mataduree “Dhiifamaa fi Tokkummaa” jedhuun mana jireenya isaatti affeerraa kan qopheesse tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Sagantaa kana irratti Ulamaa’onni gurguddoon, Miseensonni koree furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa fi keessummoonni biroo hedduun argamuun qooda kan fudhatan tahuu beekameera.
Namoota Sagantaa kana irratti argaman jidduu:
Dr. Jeeylaan Khadiir, Ustaaz Abubakar Ahmad, Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Ustaaz Kaamil Shamsuu fi namoonni birootis kan argaman tahuu gabaafamee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button